Skip to content
August 7, 2012 / qalbesa

Gudina ilma nama keessatti gahee arti (OROMO)

Art is, indeed, the spearhead of human development, social and individual.

                                                                    Susanne K. Langer

Dhugaa dubbachuuf artiin dura deemtuu gudina ilma namaa hawwasafi dhuunfati.

Namni aartiitti fayyadamuu kan eegalee gaafa yaaduu eegale.Yaannii aartii uumee, aartiin deebi’ee yaada uumee, yaanni gudina uume, guddinni jiruu ilma namaa fooyyese.

Haala kanaan shoorii  aartiin gudina ilma namaa keessatti taphatee akkanaaf akkas kan jedhamuu miti.Kaniin keessa mee isaan gurguddoo haala jireenyaa ilma namaa jijjiran yaa ilaaluu.

Aartif sab-qunnamtii

Aartii,safuufi  baruumsa

Aartif Dimokiraasii

Aartiif diinagdee

Aartiif  aadaa

1. Artii, sab-qunnamtiif gudina ilma nama 

Akka beektonni meesha sab-qunnamtii jedhanitti adunyaarratti jijjirma sirnaa kan fide jijjirama meesha sab-qunnamtitii.Namni gara beladarraa adda kan ta’e Afaan gaafe uummate. Yeruma kana afaan haala addaafi haaran itti fayyadamuu jalqabe. Kuni immo artidha. Artiin bayyinaan waan haaraa haala haaran jechuudha.fakeenyaf

Beekan waan dubbatu beeka

Walaalan waan beeku dubata

Hala kanaan afaan ofii midhagfachaa dhufan.Afaan qofa otoo hin ta’in erga tokko dabarfachuuf fakki kaasuu eegalan. Fakkiin ergaa ciccimaa heduu dabarsuu eegala.

Fakeenyaf

Fakkiin yaada ibsachuun walii galtee ifaa fiduu irratti rakoo horate. Yeroo darbe yero amma fi kan dhufu argisiisu hin dandeenye. Kanaaf waan tokkof qubee tokko ka’uun jalqabame. Fakkeenya qubee ummat kuushii laalun ni danda’ama.

Qubeen akkasii kun ammas biyya baha eshiyaa keessatuu Chiyinaatti ittiin hojatama. Egaa dhufaatii qubeetu sirna fiwudaalismii fide. Artiin waan haaraa fiduuf fayyadamuuf safisuu dafee qubee fayyadamuun of babbalisuu qofa otoo hin ta’in qubeese babbalisuun fedhii arti hawwasaa guutun barumsa karaa saaqee jira. Barreefamnii waan haaraa haala haaran barreesun  haala haaran yaaduu waan fideef tekinoolojii haaraa uumee.Asirrattii gahee artii laaluf  Daantee fakeenya gudaadha. Dura Daantetuu adunyaa ijaa hin baramniin laalun sammuun namaa akka dammaqu kan godhe.Kaka’umsa kanatu barreesitoota hedduu uume. Barreesitoota kaniintu  ayyana waa uumuu uumun namoota teknolojii haaraa akka uuman haala mijeesee. Daanten Xaaliyaanii, Sarvanteesi  Ispeenii  otoo barreesuu baatanii Gutambargi maashina maxxansaa uumaa laata? Otoo Arabonnii seenaa imaalaa aja’ibaa barreesuu baatanii Kolombos imaalaf kaka’ee Ameerikaa arga laata. Majilaan lafa naanna’a laata?

Maashinni maxxansaa  kitaabota heddu maxxansuu waan eegaleef kitaabni iddoo muraasatti namoota muraasa qofaaf turan mana mana galuu eegalan.Hojjiin barreesuu baruumsarraa dhufu namoota xinnoo gita olaanaa bulchuun umamanii dhufu gajallas bahuu eegale.Ilmi iyyeesas baratee dureesa akkusama bulcha ta’uu eegale. Galata Gutambargi.Kun ilaacha ilmi iyyeessaa iyyesuma jedhe fallese.

Roobisan Kursoo taatoo isaa wagaa digdamii afurii qophaa jiraachisuun, hawwasan ala namni jiraachuu akka danda’u amansiisun, hundee kapitaalizmii kan ta’e dhunfummaa(individualism) lallabuun Kapitaalizmiif dhagaa bu’uuraa kaa’e.

Aduun Fiwudalizmii yoo qaartuu kan Kapitaalizmii suphoofte.Manni baruumsaa barreesitoota heduu uumee, barreesitoonni heduun dubbistoota heduu uumun hawwasa sochoosan. Sochichii ayyaana waa uumun teknolojii haaraa uumun Fiwudaliizmii awwalee Kapitaalizmii guddifate.

Kapitaalizmiin artistoota hedduun irkifamee bara kana gahee jira. Fakeenyaf erga, maqaa ammayyeesun koloneefachuu  Sheekispiirii jaarra 16ffa diraamaa ze teepestin  itti hemee wagaa dhibba lamaan booda hojjirra oolchan. Kanaaf sanyii koloniyaalizmii dursee kan faccasee Sheksipiir dha.

Haala kanaan aartiin meeshaa sab-qunnamtii ta’uun guddina ilma namaaf hedduu gummachitee jirti.

2.Artiif  safuu  

Akkuma armaan olitti ilaalee  fayyeda aartii tokko kan hin argamne arguun kan hin dhagahamne dhageesisuun kallattii guddinaa eerudha. Guddinni kophaa isaa gahaa mitii, guddinicha to’achuuf haalan itti fayyadamuuf safuu wajjin guddisuun barbaachisaadha. Fakeenyaf dame artii keessa tokko kan ta’e Afoola Hindii keessaa tokko fudhanne yaa ilaallu

Hayyoota afurtu ture . Guyyaa tokko hayyoonni kun maa callisnee baruumsa jennee bosona keessaa deemnaa?Beekumsi qarshii hin finne maal gatii qaba. Kanaaf magaalatti deebinee dandeetti keenya motichatti yaa argisiisnu yoo sana arge qarshii heduu nu kenna nutis ni duroomna jedha. Tolee jedhanii gara magaalaa otoo deemanu tokko qarshicha hunda keenya miti kan argachu qabu. Kani hunda keenya irra beeku malee jedhe. Namoonni sadeen nuti ijoollummaa kaasinee waliin guddanne, waliin barranne har’a qarshii arganna jenne wali hin qoodnu jedhanii isa morman. Otoo haala kanaan deemanuu lenca du’e tokko argan. Inni beekan suni amma beekumsa keenya asitti argisiisuu dandeenya. Mee wal yaa qorru jedheen. Tole jedha.

Inni tokko anii lafee leencaa kan walitti fidee nin dhaabun beekumsa koo nin argissisa jedhe lafee saa walitti qabee dhabe

Inni lammaffa anii fooni, dhiigaf gogaa itti niin godha jedhe foon, dhiiga fi gogga itt godhe

Inni sadafaan ani lubbu itti nin hora jedhee afuura itti baafatee lubbuu itti hore.

Inni arfaffaa yoo kan argu muka kore

Lencichi lubbuu horate isa muka kore malee ka hafan hundaa nyaate. Inni gamin fageesee yaade sun kophaa isaa mallaqa hedduu moticha irraa fudhate.

Beekumsii waan hedduu beeku ottoo hin ta’in waan xinnoos taatu fayeedaaf miidhaa isaa gargar basuni xiinxaluudha.

Yeroo durii jalqabee artiin meeshaa ilmi namaa safuu ittiin barsiisu ture.Fakeenyaf mammaaksa Oromoo tokko yoo fudhanne

Ani duunan araddaan hin margin jette harreen  kan jedhu du’a harree nutti himuuf otoo hin ta’in of hin jaalatin jechuuf. Kun kan nutty argisiisuu dhalli keenya haalan lammii garii ta’anii akka guddatan artiin gahee guddaa qaba.

Kan Oromoo kana bahaa jiraan gaafii tokko. Kan jiranuu hagamii maalii irraa eegna? Kanuma jiranirra garuu ni argina. Eelarraa hameenya namaa arguu ni dandeenya. Kana males kitaabonni akka illaa, kuusaa gadoo,jaalala dhugaa fakeenya ni ta’u.

Garuu halli amma jiruu bayye nama yaachisaadha. Fedhii dargaggonnii keenya fiilmii laaluu qaban guutuu hin dandeenye. Kanaaf dargaggonni keenya iddoo oolan dhabuu qofa otoo hin ta’in araada adda addaf saaxilamaa jiru. Filmii balfaa warrii mallaaqa malee homaa hin yaanne hojatan(sex film) saxilamaa jiru. Weeraraa aadaa adii of irraa hin dandeenye. Kun dhumnii maal akka ta’u tilmaamuun nama hin rakkisu. Isaan ha’a mataa gaafa godhanii deeman boruu enyuyyuu gafa sanaan akka hin dirre wabii hin qabnu. Dhibee edis babalachaa jiru, fayeda hoji, jaalala ilma namaa, rakkoo yeroof harka kennachuu dhiisanii cimanii hojachuun iyyummaa akka moo’atan yoo artiin hin barsiisin maaliin barsiisuu qabna? Gaafaii guddaa?????????????????????

Artiif baruumsa

Joysi lewuraansi

Art can bring awareness to people. It is a powerful means of presenting truths about humankind that cannot be expressed any other way. Art also connects people in a society by presenting an idea that everyone can relate to in a universal way. The awareness that comes from art will only lead to a better society if the people take action based on the ideas they discover in art.

Aartiin nama dammaqsa. Aartii meeshaa baayye cimaa dhugaa karaa kamiiniyyuu ibsamuu hin dandeenye ittiin ibsinudha. Aartiin akkasuma hawwasa wal qabsiisaa. Yaadaa walii gala dhiyeesaa. Dammqinni artii irraa dhufuu hawwasini akka tarkaanfii fudhatu gochuun isaan  foyyesa.

Egaa kana irraa yoo ilaalluu artiin kara dhala namaa wanta karaa biraan barachuu hin dandeenye ittin barsiisinu. Fakeenyaf jaalala ilma namaa,miidhaa garaa jabaachuu, hawwii saba tokko aartiin yoo jiraachuu baate maalin barsiisna? Baruumsi kana barsiisu hin jiru.

Aartiin gama kanaan gocha hamaa ta’e hamaadha jedhee nama barsiisaa,kan barate immo gocha sana balaalefata. Fakeenyaafa Asoosamnii Hareet Bicheer Uncle tom cabin garbumma balaalefachuun dhaadannoo warra garbumma balaalefatuu ta’ee fudhatama gudda argachuun garbumma lafa irra ballesee jira.Akka Pileeton jedhuttii formiin yookin Aartiin yaadaa walii gala kaasuun nama hedduu yookin adunyaa yeroo tokkon barisiisuu nu dandeesisa. Garbummaan adunyaa kamituu waan hin jaalatamneef aartiin dursee itti qabsaa’un hawwaasini akka isa ballesu godhe.

Aartiin jijjirama akkasii fiduuf akka Joon Duwe jedhutti ummata gadaanaa fi baraataa hunda gahuu qaba.

Walumaa galattii gaheen aartiin baruumsaa qabuu waan haalamuu miti

3.Artif Dimokrasii   

       Biyya dimokraasin jiru keessaa namni haala adda addan yaadaa, yadunis irraa eegama. Biyya akkasiitti mariin mallattoo dimokiraasitti.kanaaf yaadinni kallattii tokkorraa hin dhufu.Tory  young;2008

Wayee aartif dimokiraasii yoo kaasinu, firii dimokiraasii keessa tokko mirga yaada ibisachuuti .mirgi yaada ibsachuu hundee dimokraasii lubbuu artitti. Bakka mirgi yaada ibsachuu hin jerretti artin piroopagnada waan taatuuf artii dhugaa ta’uun ishii mamiidha. Egaa artiin yoo jiraatee dimokiraasin dhugan muldhata, dimokiraasin yoo jiraate aartin muldhata.

Kana hubachuuf filmiif asoosama fakeenya yaafudhannu. Baktiin akka jedhuttii miti artii wanti dubbannufi wanati barreesinu hunduu ilaalcha adunyaa of keessa qaba jedha.Hunduu kan dubbatu yookin barreesu dhageefataa yookin dubbisaa amanisiisufi. Dimokiraasini immo marii’achuuf wal amansiisudha. Kana keessattii kitaabinni ykn filmii tokko yoo bahuu ergaa tokko qabatee hawwasaa bira gaha. Abbaan kitaabichaa yookin fiilmichaa ergaa isaa san ummatatti barrefate yookin amansiisuu yalee. Ummanni sirridha jedhee wanta san fudhata, darbees wanta jedhame san rawwachuuf socho’a. yookin immo wanticha mormuun wantichi akka sirrii hin taane ibsata.

Haala kanaan aartin marii artistiif hawwasa jedduutti gaggefamu jechuudha. Hawwasichaan wal amanaa walmormaa walmormaa wal amanaa deemuu. Mallattoof barruumsi dimokiraasii kana caalu maal inn?

Artin kana qofa otoo hin ta’in kana olis. Akka armaan olitti jennetti dubbiin yookin barrefamni ilaacha qaba jenne jirra. Ilaalcha eenyuu,kan iyyeessaa, kan dureesaa, kan yartuu, kan mortuu, kan toshatuu,kan bitaa kan bitamaa,kan dhiiraa kan dubartii. Kun hunduu adunyaa keessa jira. Adunyaa qofaa miti artii(asoosamaaf filmii) keessas jira. Kanaaf fimiifi asoosamnii adunyaa adunyaa ittiin ilaalu kan jedhamu.Kanaaf artiin jiruuf jireenya hawwasa tokkoo akka dawwitiitti nutti argisiisa.

Egaa kuni deebi’ee enyumma hawwasa tokko, cimina hawwasa tokko, aadaa garii, barmaatilee bodatti hafaa fi kan kana fakaatan tutti argisiisu. Kana keessatti iddoofii sagalee artisitichi taatoo isaa kennuun ilaalchii artisitichaa maal akka fakaatuu, ilaalchi hawwasichaa bara sanii maal akka fakaatuf bakka bu’umman hojii artii maal akka ta’e nutti muldhisa.

Fakeenyaf barreefama Afaan Amaaraa fi Gi’izii durii keessatti Oromoon gara -jabaataa, doofaa fakaatee muldhata. Kitaabni Abba Baahiree waayee umataa nama ajjesuf halkanii guyyaa tattafatuu kanan isinitti hima jedhee jalqaba.kuni ilaalcha loogii fallaa dimokiraasii nutti muldhisa.

Egaa walumaa galatti aartii guddisuu jechuun dimokiraasii guddisuu jechuudha.              

 

4. Aartif Diinagdee

Gama diinagdeen yoo laale aartiin gahee gudda bahuu danda’a. guddina adunyaa argisiisa jirtu kana keessatti biyyoon guddatanii galii guddaa kan argatan seektara tajajilaa kan irra yoo ta’u kan keessas dameen bashananaa (entertainment) guddadha. Fakeenyaf galii walii galaa Ameerikaa keessaa dameen filmiifi teeleviziyoonaa nama miliyeena 2.4 carra hojji uumun galii biliyoona 140 argamisiisun hunde(bed rock) ta’e sadarkaa sadafaa irra jira. Ingiliizidha   wagaatti miliyeena 600 argamisiisun sadarkaa shanafaa irra jira.

Indiyaadha carraa hojji  miliyeena 1.8 uumun waggatti biliyeena 6 galcha. Haala kanaan human nama baayye waan barbaaduf(yoo xinnate namni 50 kallattinis ta’e al kalattin waan hirmaatuf carra hojjii hedduu bana, galii baayye argamisiisa.

Haala kanaan human namaa filmii hoomishuu(produce) fiilmii hojatu,fimii argisiisu yookin rabsu, fi hojjatoota galma itti muldhatuu dabalatee filmii tokko yoo xinnate nama dhibba sadii kallattinis ta’e al kallattin itti hirmaata.

Gama kitaaban yoo ilaalle barreesuu, kan barreefamee gulaaluu, pabiliisharii(kan kitaabicha madalee sirreesee mana maxxansaa dhiyeesuu), hojjatoota mana maxxansaa, rabisitoota fii gurgurtoonni kitaabaa hojjatootaa mana kitaaba dabalatee carraa hojii nama 500 kan uumudha. Keessatuu baratoota Afaan Oromoo  carraa hojii yoo kan umuu ta’e.

Darbees aartin ilaalcha gaarii wanta tokko akka qabaannu kan godhuudha. Kanaaf Joon Kiitis wanti faayaa gammachuu bara baraatii  kan jedhu. Kanaafi dhabbanni adda addaa qarshii meeqa baasee namootin aartii meeshaa isaanii kan beeksifatan. Kookaa fakeenya fudhachuu dandeenya.

4.Aartiif aadaa

Ummanni aadaa hin qabne hin jiru. Aadaan jiruuf jireenya ummata tokkos ta’u kan baayyinaan calaqisu hoomiishi aadaa jedhamuu kanaani. Homishaa aadaa kan jennu bayyinaan hojii artiti. Fakeenyaaf fiilmiin yookin kitaabni tokko walumaa galatti jiruuf jireenyaa ummata tokko waan argisiisuf bakka bu’aa umata sanaa akkasumas gumbii aadaa ummata saniiti. Haalaa kanaan     ummata tokko yookin biyya kan barsiisufii, hamilee kufte kan kaasudha.

Biyyi aartiin guddate qaban salphumatti aadaa isaanii biyya biraatti beeksifachuu meeshaa isaanii gurgurachuu akkasumas olaantumma siyaasa gonfachuu ni danda’u.

Fakeenyaaf gahee holiiwudiin olantummaa ameerikaaf taphatu caqasuun ni danda’ama.

Kanuma wajjin aartiin ambaasadara umata tokkooti. Iddoo ummatichi hin jirreetii hojii artii sanatuu ummatichaa bakka bu’ee waayee ummata sanii dubbataafi.

Kitaabota yookin filmii warra chiyinaa laalun waayee ummata chayina barra.

Walumaa galattii fayedaan aartii dubbatamee kan dhumuu miti.

Kanaaf eenyuu irraaa maalii eegna?

Kana irra kan hubannu dameen diinagdee kun baayyee akka nu barbaachisu kan nuu ibsuudha.

  • Artisitoonnii ,dubbisuun xiinxaluun hojii gaarii ummata isaanii bakka bu’u dhiyeesuu
  • Mootummaan haala mijjeesuf gaargaarsa gochuu
  • Hawwasichii artii simachii ,fayyadamuufi dinqisiifachuu.

 

4 Comments

Leave a Comment
  1. Kaffaalee birhaanuu addis ababa unversity / May 21 2013 9:55 pm

    DHUGUMAYYUU AARTIIN MALLATTOO DHALA NAMAATI

  2. dereje haile / Jun 25 2013 7:04 am

    EYYEEN ARTIIN MALLATTOO GUDDINAAFII QAROOMINA BIYYA TOKKOO WAAN TA’EEF OROMONNI KAMIYYUU TANAAN MAQAAN OSOO WAL HIN QOODIN ARTII OFII GUDDISUU QABU

  3. dereje haile / Jun 25 2013 7:06 am

    Dereje Haile Gondar unversity

  4. MERGA REGASSA FROM JIMMA UNIVERSITY / Oct 22 2013 7:13 am

    bu’uurri ilmaan keenyaa artiidhaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: