Skip to content
August 1, 2012 / qalbesa

Fiilmii “GUMAA” Gumaacha guddaa gumaa dhabe

Fiilmii “GUMAA” Gumaacha guddaa gumaa dhabe

Fiilimiin Gummaa dargagoo Beenyaa Dhaabaatiin barreeffame wagaa tokko keessatti hojatamee guyyaa Addolessa 17/07/2012 ebbiffame. Filmicha keessatti Taattonni ciccimoofii muxannnoo dheeraf dilbi qaban kan akka Yashii Raggaassaa, Jimaa Galtaa, akkasumas Taatoo dargaggoonni urjiin akka Seenaa Salamoon, Masrashaa Girmaa, Beenyaa Dhaabaa, Girmaa fi kan biro itti hirmaatanii jiru. Filmicha hojatanii fixuuf qarshiin kuma 120 akka itti bahe Dargaggoo Beenyan nuu ibsee jira. kanuumaan gaafif deebii dargagoo kan   wajjin  gooneetti isin yaa dabarsinu.

Tolibor: Beenyaa Fiilmii kana akkamitti jaqabde?
Akkaataa jalqaba fiilmii kanaa
Fiilmiin GUMAA-1 jedhu kun seenaa dhugaa irratti fiilmii hundaa’ee hojjetamedha. Duraan dursa fiilmiin ani hojjechuuf ture kana hin turre. Guyyaa tokko akka tasaa nam tokkotu seenaa akkanaa natti haasa’e anis yeroo kana maaliif gara fiilmiitti hin jijjiiru jedheen barreesse, garuu barnootarra waanan tureef hagan xumurutti obsaan eege. Akkuman Yunivarsiitii Jimmaatii eebbifameen abjuunko waan hiikamuu qabuuf waan hunda dhiisee Adaamaatti gale.Akkuman Adaamaa galee hojiinko inni duraa namoota dhimma kana waliin wal qabate baruu fi biyya baruu ture.
Tolobor:    Rakkoolee maal fa’atu si muudate mudatan
Dhugaa dubbachuuf akkaataa itti fiilmiin kun hojjetametu fiilmicha caala. Rakkoon inni guddaan jalqabuma yeroon Jimma waggaa sagal keessa jiraadhe gadhiisee magaalaa hin beekne Adaamaatti galedha.Ani yeroon fiilmii kana hojjechuuf yaadu kanin harkaa qabu ofitti amantummaa qofa ture qarshii,miindaa,fira, beekkamtii akkasumas maatii na gargaaru illee hin qabu barnootallee tattaaffii mataakootiinan baradhe. Hojii mootummaa dhiisee yeroon sochii hojii fiilmii kana eegalu firrikoo,hiriyyoonnikoo hundi na jibban namni na dubbisu hin turre ani garuu kana hundaaf daqiiqaa tokkoof illee of duuba deebi’uuf yaadee hin beeku. Fedhii fi kaka’umsa na keessa jiru kanaan barreeffama fiilmichaa qabadhee abbootii qabeenyaa garaa garaa Oromiyaa keessa jiran spoonsara akka godhaniif gaaffii eegale kaan na arrabsee, kaan immoo uleen na ariiyee, kaan immoo maaliif humnakee malee ol utaalta?, kaan immoo situ Aartii Oromoo guddisaa?, kaan immoo Oromoo isa kamtu fiilmii ilaala afaanke qabadhuu hojiike hojjedhu naan jedhanii ofirraa na ariiyaa turan.
Garuu ani ammas kana hundaaf hin jilbeeffanne gara fuulduraatti tarkaanfachuun itti fufe. Otoon abdii hin kutiin Yunivarsiitii Jimmaa akka spoonsara na godhu gaafadhe kana milkeessuufis Adaamaatii gara Jimmaatti si’a digdamaa ol deddeebi’ee dhuma irratti qarshii kuma digdama(20,000) bakka lamatti qoodamee kan kaffalamu naaf heyyamame kuma kudhan dura kumni kudhan immoo erga fiilmiin waraabamee kan kaffalamu waan ta’eef kaffaltii taatotaaf kaffalamu, kirayii kaameeraa, gatii geejibaa, nyaataa, taatota filachuu,shaakalsiisuu akkasumaas waraabbiin fiilmichaa Jimmatti waan ta’eef taatotaa fi ogeessota Finfinnee fi Adaamaatii gara Jimmaa geessee guyyoota hedduuf achi tursiisuun hedduu rakkisaa ture,garuu of duubatti deebi’uu waan yaadee hin beekneef tooftaatiin deemuun eegale namootan beeku bira dhaqee qarshii hanga qaban akka naaf liqeessan kadhadhe. Qarshii hanga tokko argadhee taatota,ogeessota,akkasumas kaameraa Finffinneetii guyyaatti kuma tokkoon kireeffadhee Jimma deemnee waraabnee deebine.Yeroo kana keessatti rakkoolee hedduun na qunnamaniiru garuu namoonni hedduun ogummaa fi qarshii qabaniin na cinaa dhaabbatanii bu’aa bayii hedduun booda “GUMAA” waggaa lama keessatti qilleensa irra oolteetti.
Tolibor:Fuulduratti hoo maal kaayyeffatte jirta?
Ani sekoondii tokkoof illee hojii aartii irraa fagaadhee jiraachuus yaaduus hin danda’u. Kaayyoonko gara fuulduraattis akka bishaan garbaa bal’aa fi gadi fagoodha, abjuu gabaabduus abjadhee hin beeku. Gara fuula duraattis hojiilee Aartii garaa garaa keessumattuu:-
– fiilmii barreessuu,daarektii gochuu,taatummaan hojjechuu,pirodiyuusii gochuu
– kitaabolee barreessuu
– diraamaa dheeraa fi gaggabaaboo barreessee qopheessuu
– namoota dandeettii aartii garaa garaa qaban waliin qideessee hojjechiisuu
– mana pirodaakshinii banuu
– barruulee fi gaazexaa Afaan Oromoon kanneen aartii irratti xiyyeeffatan maxxansuu
– mana barnootaa aartii Afaan Oromoon barsiisu banuu
– DhRTVO irraa yeroo bitee sagantaa aartii irratti xiyyeeffate tamsaasuu fi kkf
– dhuma irratti industirii fiilmiin Oromoo keessatti dagaagu,hojjetamu OROOWOOD hundeessuun kaayyookooti

Qeeqaa Tolibor

Fiilmiin Gummaa waldidaa maatii lama jiddu jiru kan argisiisuu yoo ta’u ilmi maatii tokkoo Solaniin  intala maatii biraa ,Biiftuu maqaa jaalalan itti hiiqee abbaa fi (isherras?) balaa geesisuuf kan dhama’uudha. Haala kanaan filmichi jalqaba yeroo inni Yunvarsiitii keessatti argee jalqabee hangaa ji’ootaa saddi kan jiraniif guddina waltidhufeenyaa taatotaa akkasumas waldidaa taatotaa sirritti argisiisa. Akkasumas miiran ofamuu dubratoota keenya muraasaa argisiisun namni kun maal qabarra eenyii inni akka dursan gorsa. Kanaaf ergama isaa waan bahee nutty fakaata. Sanaan alas seena bareedaa fi shiiraa walqabtaa sababiifii bu’aan deegarme qaba. Gama ergaan yoo ilaalee gochotaa sirni bitta nafxanyaa ummata keenyarran gaheefii madaan isaa ammalee akka hin qoriin akkasumas bonbiin hacuccan awalee yeroo kamiyyu dhohuu akka danda’u kan argisiisudha.

Haa ta’u malee Fiilmiin kun hanqina tokko tokko hin dhabne. Isaan keessa isaan ciccimoon

  1. Maqaan fiilmichaa Gumaa yoo ta’u kan arginu garoo haaloo ba’uudha. Oromoon falaasama kan ija balleese ija balleesi jedhu hin qabu. Kanaaf gumaan esa dhaqeeti badiin kun hundi gaha? Moo Soolan dhala ammaa waan ta’eef Gumaa baasuu hin beeku? Haata’u dhumni hoo maal ta’a Polisiin qabamee mana murtitti dhiyaata, itti murtaa’a achi nib aha, ammas sanumatti deebi’a yookii ni ajeessa yookii ni du’a. Kun haqaa hin fidu kanaafii Oromoon seerii gogaan haqa hawwasumma (social justice)  hin fidu jedhee ka amanuuf Kanaaf gumaan gumaan yaadhumu!!!!!!!!!!!!!
  2. Lammafaan yoomessi isaa iddo murtaa’e qofa ta’ee. Keessattuu Soolan dormi seenee baratoota lama wajjin yookin walmorma yookin ni dheekama kanuma. Biiftunis yookin  hiriyyaa ishii wajjin walmormit yookin haasa nagaa. Gaafin asitti ka’uu dormii Biftuu keessa shamarre tokko qofa gala? Soolan faa hoo sadi qofaa? Bakki shiirri itti xaxxamuu maalif dormii qofa ta’e? waldidaa kan keessatti dinagdeen ilaalchi siyaasaa, enyumman gahee maal taphate. Jechuun barreessan tokko taatoo isaa beeku qaba yoo jennee barreesaf soolan ilma dureessa moo ilma iyyeessatti? Biiftun ilaalcha adunyaa akkamii qabdi?
  3. Inni dhumaa dhuma filmicharratti Biftuun ni qabamti yookin agatamti, abbanis jaajalaa intala ishiirra kan ka’e dhaqee itti makama. Hangaa naa sakata’I jedhun jechuun hanga muka jaltti hidhamutti hin sakata’amne . Yeroo kana itti dhukaasu hin danda’uu? Sanuu nama angora ture ta’ee? Yeroo hiriyaan Biiftuu dhufuu nammoonni achi jiran sun essa dhaqan? Akka dura argineetee namoonni sunn namootaa agtaman san marsanii eegu. Egumsi isaanii eessa dhaqeeti polisonni salphumatti isaan argatan?

8 Comments

Leave a Comment
  1. melaku girma / Feb 6 2013 10:32 am

    akkanumatti itti fufi!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

  2. Habtaamuu / Apr 1 2013 11:20 am

    baay’een si galateeffaha.jabaadhu!!!!!!!!!!!

  3. BAAYYEE GAARII DHA AKKASUMATTI ITTI NUUF FUFI!

  4. Abraham Defar / May 29 2013 10:35 am

    baay’ee sin galateffana saba hedduu galatoma uumaa n nu haa gargaruu ittii fufa jiradha bara baran sinin jalaadhaa

    • falmataa roorroo / Jun 24 2013 3:45 pm

      baay’een si galateeffadha jabaadhaa isin waliin jirraa

  5. MERGA REGASSA FROM JIMMA UNIVERSITY / Oct 22 2013 7:09 am

    Kaanumman itti fufii ,qabsa’aan du’e iyyu qabsoon itti fufaa jedhamaa mittirre.

  6. abrahamdefar(gonder university) / Oct 28 2013 8:06 am

    jabadha

  7. Fraol birhanu(Mekelle university) / Dec 18 2013 6:13 pm

    galanni keenya guddaadha jabaadhaa ammallee!!!!!!!!!

Leave a reply to Habtaamuu Cancel reply