Skip to content
November 29, 2010 / qalbesa

Qoosaa baraa,filannoo sirbaa gaggeesitoota siyaasa Oromoo

     Rediyoon keenya radiyoo keessani, kanaaf sirba barbaadan bilbiltanii filachuu dandeesu

Helo eenyuu jedhuu?

Dr. Mararaa Guddinaa

Dr. Mararaa baga nagaan dhuftan, sirba filachuufii?

Eye sirba filchuuf

Sirba eenyuu fi kan maal jedhu filtu?

Sirba Fayyisaa Furii, lakkii dhiisi fira kiyya jedhuu naa afeeraa?

Eenyuu afeertuu? Ergeen dabrsatanis yoo jiraate?

Kan loltuu dargii  ture, looltuu ADWUI kan ture, jeneraala kan ture, ministeera ittisaa kan ture, pireezidaantii Oromiyaa kan ture, amma immoo afayaai’ii mana ADWUI dhiifama mana marii silaa tokkuma jedheen:; kan ta’i jedhaniin  ta’u  dhifama funduratti wanni inni ta’u hin beekamuu taatoo gaarii   Obbo Abbaa Dulaa Gammadaatiif. Sababinii anii sirba kan feladheefii yoo xinnate nu lamaanuu Ummata Oromoof qabsoofna jenna kanaaf nuti fira. Maaf diina nutti ta’u.  nun tufatinaa , kan tufatanitu Finifinne namarraa fudhataa naa jedhaanii

Tolee Dr, gurraan geenya.

*************

Heloo eenyu jedhu?

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa jedhama

Obbo Abbaa Duula sirba filchuufii?

Eeyyen sirba filchuufan, mee sirba intala koo naa afeeraa?

Intalii keessan eenyu, weelsituudhaa?

ADWUIfi kan walfakaatu hunduu tokkuma fakeenyaf deedee yoo qabaate hunduu  dimokiraatawa.DhDUO fi DHDUk tokkuma Oromoof kibba kan jedhu qofa garagara kan godhu. Angoo qixa qabna, miseensa qixa qabna.Hundaafuu sirba Sitiinaa Abbaa Duulaa “Bara dhufee darbu” jedhu naa afeeraa

Enyyuuf filtan, maalif filtaniif?

Kan filadhuufi Obboo Malasi Zenawwitiif. Maalif filattef kan jedhu, nutii DHDUOn Oboo Malasiif baruma baraan daa’ima, baruma baraan ushururuu nuun jedha. Nuti garuu amma of dandeenyee jirra.Miseensa milyeena afur qabna. Isaan garuu miseensa miti ummata miliyeena afur hin qaban. Kanaaf nu gahe kunuunsi keessanii guddannee of barre jechuufan. Sirba Dr. Mararaan naa filate fudhadhe. Garuu waan jechuu barbaadu hunduma ta’a kan jedhe dhugadha dhaabini koo seexanayyuu ta’i yoo naan jedhe nin ta’a. dhaabni niitii kee fidi nin barbaadaa yoo jedhe nin kenna. Dhaabin keenya hunda danda’aadha hunda fudhataadha.kanaaf waan dhaabni keenya barbaade kan morme mormatu irra cita.Firumma kan jedhu  garuu gaafa of dandeenyee itti yaanna. Ammaf firumman keenya si hin basuu, Malasiin firoomtee nuun diinayyuu taatu waan tokkoyyu hin taatu naa jedhanii

Tole obbo Abbaa Duula, ni geenyani

*****

Heloo eenyuu jedhu?

Sheek Shariif Sheek Ahimad , Moqadishoodhaa

Radiyoon keenya Moqadishoodhaati  ni dhagahamaa?

Eyyen rediyoon Oromoo iddoo itti hin dhagahamne hin jiru, Afaan Oromoo Afaan ballafi guddadha.

Sirbaa eenyuu filatuu? eenyuf filatu?

Sirba Qamar Yusuf Heloo jedhuun Obboo Malas Zenawitii Filadha.

Ergaa qabduu? Maalif filataniif

Alshababii mancasuf dhufee onnee nu fuudhee deemee kanaaf mee akkas jedhaanii

Heloo, heloo,

Bilibilee bilbileetan dhabee

 Malas masaraa hin jiruu

Burqaa nageenyaa

Irkoo motumma keenya

Onnee nufuutee

Kan nurra haftee

Mee akkam godheetiin

Alshabaabi mo’aa

Halkanii guyya, boombi nadhosa

Ogeesii waraana

Finifinne teesoon isaa

Ani akunumaan

Maalifan taa’ee bo’a

Naa jedhanii.

Toolee gurran geenya

*********

 Helo eeyu jedhu?

Obboo Bulchaa Dammaqsaa jedhama

Obboo bulcha baga nagaan dhuftan sirba filchuufii?

Lakki anii farfannoon fildha, ni danda’amaa?

Eyyen ni danda’ama, Radiyoon kenyaa umataatti .waan barbaaddan filachuu dandeesu. Farfannoo eenyuu, kan maal jedhu filtuufi

Farfannoo Adisuu Wayama, inni kuun dursee filtama,inni kuun dorgomee gatama, garuu kana keessa Waaqayyo hin jiru jedhu anaa afeeraa

Tolee enyuf filatu

Boordii filannoof

Maalif ergaa qabduu

 ADWUIn duruma akka mo’ate otoo beekuu dorgoma nuun jedhe. Nuti immo dhugaan dorgomnee sobaan mo’amne. Kanaaf dursitanii filachuu kan dorgomuu kufisuun akka dhaaban wal filuun, lafa walii kenuun, angoo walii hiruun, hojii walii kennuun, isin bira namni lamas namni afurtamnis quxxumaa garuu isinitti yaa hafu naa   jedhanii.

Tole guraan geenya

******* 

eenyu jedhuu?

Obboo Leencoo Lataa

Obbo Leenco baga nagaan dhuftan. Sirba filachuufii?

Eye sirba filachuuf

Sirba maal jedhuu? eenyuuf filattu?

Sirba Abdii Nureesaa,Ayaan laalatuu kan jedhu Obboo Malas Zenawwii naa afeeraa

Maaliif ergaa qabduu?

Eyyen , Obboo Malas Ayyan laalatuudha. Yeroo hunda fayeeda Ofii malee waan biraa hin yaadu. Fayedaa sirra argata yoo ta’e Goofta koo siin jedha. Erga sitti fayyedameen booda akka okkotee cabdeeti si darbata. Fakeenyaf duraa yoo chartarii mallateesinu Amaara waan sodaatef wajin dhaabanna jedhee ofitti nu qabe. HUmni Amaaraa kufuu gaafaa argu badaa asii nuun jedhe. Kana caala ayyana laallachuu maaltu jira. Fakkatiin gaafa dhugaan dhufe baddi naa jedhaanii.

Tolee  ni geenyan.

Sirbootan filtaman caqasaa. Bohaartii gaariii

Qqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqqq

 

19 Comments

Leave a Comment
  1. tura / Dec 17 2010 1:58 pm

    baacoo baay’ee bareedaa fi kan nama barsiisu barreessiteetta.Dhuguma hunduu iddoo dhibee dhibee isaa himata,waaqayyo garuu gaaf tokko dhibee isaaniif furmaata laata.
    GALATOOMI! itti fufi. Barataa keerraati.

  2. deresa / May 1 2011 9:36 pm

    galatoomii abboo kan nama gammachisuu dha . nuufis carra kennuu hin dagatiina

  3. Falmataa / Dec 22 2011 4:58 am

    dhuguma jettanii
    akka mo’attanii
    duruma hin beektanii
    kan duraarraa hubattanii
    kan lammataa maaf deemtanii
    filannoon maqaaf ta’uu dagattanii
    mee fuulduratti maal yaaddanii
    filannoon buusuuf maadhamaatanii
    abbaa irreef dimokrasi maaliif walitti fiddanii
    waan darbe tokkorraa maaliif hin hubattanii
    barreeessitoonni garuu itti fufaa!!!! GALATOOMAA!!!!

  4. temesgen / Apr 26 2012 4:03 am

    lakkooofsi ummata oromoo lakkoobsa walaloo olitti caqafame in kunis milliyoona afur kan jedhame ni caalalaa.

    • qalbesa / Apr 26 2012 12:27 pm

      kana enyuyu ni beeka. Lakkofis ummata Oromoo miliyeena 40 oli . yaa qlbeefannu yaada ciccimma kaasinee yaa mari’annu. Hangana qabnarra hanga qabnu sanatti hangam fayyadamne jirra? itti fayyadamuuf maal gochuu qamna? akkamitti damqisnee humna baha Afrikaa goona mee kanatti yaadii deebii kenni hangana hagasii jechuu dhisii

  5. keenbon / Aug 21 2012 6:37 am

    Teediros,Minilik,H/Sillasee,fi Mallas du’aniiru.baay’inni ummaatni Oromoon qabu tokkummaatti jijjiramee,abbaan biyyumma isaa hin mirkana’u tanaan maal faayidaan lakkoofsa.dhiiro haagayya 21/2012 irra kaasne maal hojjachu qabna…………….sirba Nuhoo Gobaanaa,….tokkummaa…tokkummaa………kiristannii,muusilimnii,…waaqeffataan,,,,piroteestantiin waliin tokkummaa’a.

  6. tarikutasfaye / Oct 18 2012 8:01 pm

    baacoonkee baay’ee bareedaa dha jabaadhu

  7. ramadaan / Dec 30 2012 7:50 pm

    baacoonkee baay’ee bareedaa dha jabaadhu

  8. dejene / Jan 12 2013 10:19 pm

    hedduu gaaridha garuu hanga yoom akka ilmaan bofaa kaabaaf kibba ,bahaaf dhiha keessaaf ala teenyee oduu qofaan ummata jijiirra. kun ajaa’iba hedduu nama dhiba jedhe umar usleeyman.waan hundaafuu tokko ta’uuf haa yaalluu.

  9. dinka / Mar 12 2013 8:01 am

    baayyee jaabaadhaa nutis isin faana jirraa dinka finfinnee irraa

  10. bread maker reviews / Apr 26 2013 5:15 pm

    hi and thanks for the good page! I have been
    searchin for stuff similar to this. I will be subscribing
    your rss so i won’t miss out the good things! again, wonderful web page remember to keep it up! Please excuse me if my english is bad.

  11. ZARIHUN / May 23 2013 1:55 pm

    DURUMAANU AFAANIN MALEE NAMA QAAMAN ARGINEE MARIANNU HIN QABNU .MAALUMAAFU JSABAADHA

  12. binäre optionen / Jun 19 2013 3:10 pm

    Hello my loved one! I want to say that this article is awesome,
    nice written and come with almost all vital infos. I’d like to see more posts like this .

  13. Elias / Jun 25 2013 7:46 am

    ani baayeen isin jaladha.

  14. Bokonaa / Aug 17 2013 1:44 pm

    maqaa saaphanaa kana osoo qubee sirriitiin bakka buustee baay’ee natti tola. Itoophiyaa martuu Oromoodha. Afaan namaa tokko ture namnis tokko ture, innis ka Rabbi tokkochi uumee. Ilmi namaa waldhalaa baayyataa dhufe, baay’atees faffaca’ee jiraachuuf dirqame, faffaca’uun isaa afaan adda addaa akka horatu isa taasise, afrikaan sanyii tokko, ilmi namaa gurraachi afrikaa keessa jiraatus akkasuma sanyii kan walcaalu hin jiru, anatu sicaala jechuun saba tokko hacuucuu dha, Oromoo gosa Itoophiyaa keessas ta’ee Afrikaa keessa jiraatu kamiinu qixa. Of-gadi qabuun gadoofi xiiqii hamaa keessa nama galchaa. Oromoon Itoophiyaa yoo bulchee kan mormuu yoo jiraate nama walqixummaa namaatti hin amanne dha, namooti akkasii ni jiraatu. Rakkoon namoota tokko tokkoo gosa amaaraa keessa jiranii [Tigreenis amma ammaa yaada akkasii calaqqisiisaa jira] Oromoon yoo biyyatti tana bulchuuf carraa argate [nama ilaalcha foxxoquu qabu jechuu kooti] akkuma Tigreen godhe Oromoonis
    -Sanyii kootiif jedhee olaantummaa diinagdee mirkaneeffachuuf socho’a kanaanis saba biraa ofirraa dhiiba
    -Kana bira dabree ammoo Oromiyaa foxxoqsuuf sirna mijeessuu danda’a kan jedhu dha
    Yeroo sirna dargii [dargiin waan gaarii hojjate hin jenne.] Amaarri Oromoo nu fuudha ture Oromoonis Amaara nu fuudha ture, yeroo amma osoo fedhees durbi Oromoo isaaf tole hin jettu. Yeroo ammaa Oromoon saba Jarmanii ykn Biraaziilii fuudhuuf rakkoo hin qabu, Amaarafi Tigree garuu hin fuudhu, duris Oromoo ture ammas Oromoo dha. Garaagarummaan jiru jibbi Amaaraafi Tigreef qabnu yeroo ammaa jabaachaa deemuu isaati.

    I can’t identify in color and body structure the difference between an Oromo man and Minilik II, as well as Ato Abbay Wolduu [the current TPLF leader], look for their picture by browsing on google. Can any one tell me?. What an Oromo man looks like different from these two people? My imagination is that they were both descendants of Oromo, adapted different languages at earliest human history.

    Johar, are you struggling for the Oromo or for the religion you belong to? you often possess messed up ideas.

  15. latinsluts1.tumblr.com / Oct 20 2013 10:35 pm

    The great Confucius claimed that each and evsry
    time you open a book, you learn something.

    If you exchange the word “book” with “post”, you will know how I feel about this blog.

  16. Shallamaa Addunyaa / Nov 19 2013 5:08 pm

    Baayee,gaarii yaanni hunduu abdii hin kutinaa waalin,walif,seensf haa yaannuu!

  17. Shallamaa / Nov 19 2013 5:26 pm

    Ishoo!Haayyuu borii ni miidhaga!Horii Buli.Hunda caala anan gaaruu baay’ee kan na gaddisisee of ta’uu dhabuu keenyaa! Maaloo,argamnee dhabamuuf hin jirannu.Maqaaf,Seenaf,laammif,haa dhamanu!

  18. ayano tura / Jan 16 2014 4:30 pm

    bakka koftee osoo hin tanee bakka muccucatye laladhu!

Leave a reply to tarikutasfaye Cancel reply