Skip to content
November 15, 2010 / qalbesa

Rakkoof hiikoo Filmii Oromoo

v Fiilmin barbaachisaadha?

A. Gamma midiyaa

Fiilmin yeroo amma midiyaa humna qabeesa jedhamanii amanaman keesssaa tokkoof isa duraadha.Hayyoonni sab- qunnamtii akka dubbatanitti aduunyaarratti jijjirama gudda kan fidde homishitumma otoo hin ta’in haala walqunnamtii namaati jedhu. Kanaaf ragaa kan ta’u ilmi namaa sirna waliin jireenya( communal life) irraa gara sirna garba bulchaatti akka jijjiramu afaan uumun isaa yoo gargaaruu, barreessu danda’uun immoo  sirna garba bulchaa gara sirna abbaa lafaa, kan barreessan maxxansanii oddeffannoofii beekumsa hedduu haal salphaa ta’een nama biraan gahuun immoo sirna abba lafaa gara kapitaalismiitti yoo jijjiruu ,bara amma kanatti immoo fiilmin intarneetin fi kitaabin walumaa galatti meeshan wali qunnamtii ammayya kaapitaalismii baaxii baasee argama. Kan irraa kan barru jijjirama yoo barbaanne akkataa sabi qunnamtii keenyaa jijjiruu qabna jechuudha. Kanaafi Qulqullinni jireenya keenya qulqullina sabqunnamtii nuti fayyaddamnuun wali gita kan jedhamu. Kan irra ka’uun, qulqillinni fiilmii keenyaa qilqulina jireenya keenya argisiisa jechuu dandeenya. Fiilmin midiyaa Humna qabeessa waan ta’ef .

 B. Gama aartin

 Hayyoon akka Jedhanittii aartin eenyummaa, aadaa, diinagdee, siyaasafii hawwasumma ummata tokkoo yookin ilma namaa karaa barameen alaa midhagsee yookin adda godhee kan dhiyeesu. Haala kanaan waan sadiif tajaajila

1.Bashanansiisuu: ilmi namaa adunyaa kamiyyu keessa jiru haala kamiyyu keessa jiru bashananuu ni barbaada. Kanaaf waan kolfamutti kolfee waan gaddamutti gaduu qaba. Falasonni                     akka jedhaniti artii keessaatti  waan tokkotti hundi keenya kan gadinu yookin kan gammannu wanti sunu dur namni yoo hawwasa tookko ummu ture  yokin yero sammun isaa dammaqe san waan  sammu keenya keessa waantureef jedhu. Haala kanaan artiin muxxannoo adunyyati. Kanaafi wanti kaleessa nama kolfisiise har’as nama ni kolfisiisa jechudha. Haala kanaan artin hin du’u bara baraan jirata. Artin afaan adunyyati jedhu. Haa ta’u malee afaan hanga namni walitti dhiyeenya qabu sirritti walii gala. Kanaaf artiin bakka itti uummamme san haalan callaqisiisaa ummanni artin sun keessatti kalaqame dansaan articha san hubata. Sirbi faranji nu gammachiisus  faranjoota caala nu hin gammachisu. Aadan sun kan isaani waan ta’ef. Kan keenyas dura nu gammachisa achi irraan immo isaan gammachiisa. Kanaaf  eega bashananuun uumaa namaa ta’e artiin albuuda sammuu nama keessa barabaraan jiraatu ta’e artii abaabilee keenya uuman dhala har’aa kanaaf miidiyaa haaran(fiilmii ,kitaaba, muuziqa ammayyaa fi intarneetin) dhiyeesun kan ha’aa immo borutti dabrsuun bashanansiisun  barbaachisadhasadha.

2. Artiin meeshaa keessa ofii nama ibsuudha(insight)

Artiin durii jalqabee namoonni kalaqa adda qaban ergaa cimaa keessa namaa quuqu , hubbannoo addaa kan namaa laatu fi dhiyana sammuu ta’ee sammuun nama akka yaadu kan godhudha.  Gabaabummatti artin dhiyana yaadati. Artitu yaada dhalchaa artitu yaada gabbisa.

Kanaaf artiitti fayyadamuun niyyaa nama kakaasuun nama gammachiisuu bira darbee waan tokko hubachiisuu ofjaalachiisuu fi innis(dowwatan) dabaree isaan waan tokko yoo danda’e haaraa yoo hin dandeenyee waanuma jiru akka haaromsu gochuu qaba.

3 . Artin barsiisuu (instruct)qaba

Dhalli namaa artii durii jalqabee ijoollee isaa ittin barsiisuf akkasumas waliin wajjin yoo jiraaratu ittin wal barisiisuf ittin wal qeequf akkasumas ittin wal jabbesuf darbeesi umman wal safefatee haqaan akka wajjin jiraatu barsiisuf.

Haala kanaan artin meeshaa ittin hawwasa tokko jijjirudha.kanaaf namni artii tokko hawwasa kkeessa jiru sana yookin duubaa dhiibuu qabaa yookin dura deemee harkisuu qaba

Egaa barattota keenya artitti fayyadamne yoo barsiisnee bayye bu’a qabeesa ta’u. Artitti fayyadamnee ummata barsiisun rakkoo hawwasumma(social evils) hiri’isu dandeenya. Sammuu namaa misoomsun ,misooma qabatamaa walirraa hin cinne mirkaneesun ni danda’ama.

C.Gama diinagdeen

Gama dinagdeen yoo laale fiilmiin gahee gudda bahuu danda’a. guddina adunyaa argisiisa jirtu kana keessatti biyyoon guddatanii galii guddaa kan argatan seektara tajajilaa kan irra yoo ta’u kan keessas dameen bashananaa (entertainment)isa guddadha. Fakeenyaf galii walii galaa Ameerikaa keessaa dameen filmiifi teeleviziyoonaa nama miliyeena 2.4 carra hojji uumun galii biliyoona 140 argamisiisun hunde(bed rock) ta’e sadarkaa sadafaa irra jira. Ingliiziidha   wagaatti miliyeena 600 argamisiisun sadarkaa shanafaa irra jira.

Indiyaadha carraa hojji  miliyeena 1.8 uumun waggatti biliyeena 6 galcha. Haala kanaan human nama baayye waan barbaaduf(yoo xinnate namni 50 kallattinis ta’e al kalattin waan hirmaatuf carra hojjii hedduu bana, galii baayye argamisiisa.

Darbees fiilmiin ilaachaa gaarii ummata tokko kan gabbisu, ummata tokko yookin biyya kan barsiisufii, hamilee kufte kan kaasudha.

Kana irra kan hubannu dameen diingee kun baayyee akka nu barbaachisu kan nuu ibsuudha.

v Afaan dhalootan fiilmii hojachuun barbaachisaadha    

 Falaasaa beekkaman Jarmanii Fiicheen bar 1806 waaye saba afaan tokko dubbatuu akkas jedhe,Those who speak the same language are joined to each other by a multitude of invisible bonds by nature herself, long before any human art begins; they understand each other and have the power of continuing to make themselves understood more and more clearly; they belong together and are by nature one and an inseparable whole. …Only when each people, left to itself, develops and forms itself in accordance with its own peculiar quality, and only when in every people each individual develops himself in accordance with that common quality, as well as in accordance with his own peculiar quality—then, and then only, does the manifestation of divinity appear in its true mirror as it ought to be.

Isaan afaan tokko dubbata, dur dur otoo artin ilma namaa hin eegalin uuman mataa ishiin haada hinmuldhanneen walitti hiitee walqabsiiste, isaan eenyuu caala wal hubatu, sana caal immoo siriitti ifaan walhubachuuf  hedduu tattafatu, isaan kan waliiti, isaan uumamumaan tokko, isaan  qaama tokkicha addaan bahuu hin dandeenyedha. Ummanni tokko yoo of ta’e qofa, yoo ofiif dhiifame qofa akkuma kennaa umamaa isaatti guddachuu danda’a. Akkuma namni tookko keenna ofii qabuu kenna walgalaa wajjin walsimsiisee guuddatu jechuudha. Yeroo sana qofa fedhiin Waaqaa  dhugummaan kan muldhatu.

 Asitti wanti Fiicheen jechuu barbaade  ifa ,kan afaan tokko dubbatu hunda caala walii fira. Waldhagahu, wal hubatu, walii galu jedhamee yaadama.Kanaaf  afaan ofiitin hojachuun nama akka ofiitin walii galuuf  nama hin rakkisu haala kanaan, salphumatti barsiisu, leenjisuu, bashannansiisu ,oddefachiisu ni danda’ama.Kanaaf namni afaan tokko dubbatu ifatti walirraa bara jechuun dafee waljijjira jechuudha.

Karaa biraan afaan eenyuumma saba tokkotti. Namni tokko Afaan tokko yoo dubbate  yeroo baayye ati akkasiidha jenna. Kabajaafii  ulfina afaan sun qabu laannaf. Kanaafi hima tokko natti himii eessa akka dhufte sittan himaa kan jedhan.

Egaa kana irraa ka’un  afaan ofiin fiilmii hojachuun barbaachisa kan ta’u. karaa salphaa ta’een walbarsiisanii waljijjiruuf, waliigaltee cimaaf  akkasuma eenyumma ofii isaan biraatif ibsuuf. Waliigalanii walguddisan waliin guddtan waan ta’eef

v Rakkoolee gurguddoo fiilmii afaan Oromo

  

 

    Rakkoo Ilaalcha

    Rakkoo maalaqaa

    Rakkoo humna namaa gahaa dhabuu

    Ummata gita giddu galaa gaha dhabuu

    Rakkoo iddoo dowwii

    Abbaa dhabuu

 

A.  Rakoo ilaalchaa

Afaan oromoo yeroo baayyef akka afaan dadhabaa midiyaafii teeknoologiif  ooluu hin dandeenyetti ilaalama ture. Kanaaf nama afaan kanaan hojjatuu akka ittin hin hojjanne hamlee cabsaa turan, afaan oromoo redio cabsa, tv fi hin tolu yoo barreffamee hin bareeduu bira darbanii afaan ilmaan seexanatti jedhamuu gahe ture. Haa ta’u malee sirni ilaalcha akkasi hore sun jigus ilchichii gutumaan gututti bade jechuun nama dhiba.

Ilaachota hanga mma baduu didan keessaa

  • Afaan Oromo afaan saba xinnaa godhanii ilaaluu

Ilaalcha Oromoon adunyaa keessa qabuu yoo ilaalu, minilikiin dura warri jiran ilaalchaa gaarii qofa otoo hin ta’in ilaalcha mirqaansaa qabuu ture. Fakeenyaaf firaankoo joomardii oromoon ummata firaanchin kan gituufi wanta aja’iba hojjachuu kan danda’uu yoo jedhu kirapfii fagoo otoo hin ta’een qeyyedhuma oromotti galee jiraatee jarmanii afrika yoo jedhuni maqaa biyya oromoon yeroo jalqabaaf ormaniyaa kan jedhe isa(jomardi 1838,karaapfi 1840)

Dhufaatii Minilikiin booda yaanni kun jijjiramee Oromoon Afrikaa mishineesuf gahadha jedhame sun xinnatee gosa jedhame. Namoonni hanqooni akka Alandiroof Oromoon ammayyumma dhabuu isaatirrayyu ammayyumma biyyattiyyu kan dhabbamsiisefii bayyatti duubatti hambise isa jechuu jalqaban. Namtichi kun bara 1960 Ummta Oromoo 2.5 miliyaan jedhee ka’e.

Kanarra kan ka’e hojjin artii Afaan Oromoon yoo hojatame gabaa hin qabuu hin bareedu yanni jedhu ammalle jira. Fakkenyaf namni asirratti hochaachuu barbaadu gabaa hin qabu jedhee yoo dhisuu kan dowwatu immo hojii barrenni hin jiruu jechuun laaluu baqata.

Ilaalchumaan wal qabatee wanta afaan Oromoon walqabteee hundaa gara siyaasatti geesuttu muldhata. Kuni gaggeesitoota siyaasaa keessattu anaa irratti muldhata. Haala kanaan ergamma addaa akka qabuutii fudhachuu. Yeroo baayye immo akka qaama misooma hin ta’iniitti fadhachuu.Kun carra hojii inni uumuu danda’uufi galii inni argamsiisu beeku dhabuu irraa kan ka’e.

Qaamni gargaarsa gochuu barbaadus sodaa kana irra kan ka’ee yeroo baayye gargaaruf duubatti jedhu. Sanaan alas Afaan Oromoo yoo guddatte biyyatti diiga yookin iddoo afaan Amaaraa fudhata jedhanii warrii yadanis jiru.

  1. B.    Rakkoo maalaqaa

Waan tokko hojjachuuf maalqini barabaachisaa akka ta’e beekkamaadha. Rakkoo guddaan garuu maalaqa ittiin hojjannu sana eessaa argannadha.Akkuma beekamuu artii oromoo keessattii warri hirmaacha jiraan baayyen artii kana hojii godhatan kan jiraatan yookin immo hojjataa mootummati. Isaan kun malqani isaan argatan jireenya isaanii irraa hafee industirii kana hojachuunin baayyee rakkisaadha. Sanaan alas madda fayinaansii gahaa dhabuun, abbootti qabeenyaa dame kana deeggaran gahaa dhabuun  rakkoo baayye muldhatu.

C. Rakkoo humna namaa gahaa dhabuu

Rakkoo guddaan fiilmii yookin aartii Oromoo keessatti arginu tokko hanqina human namaati. Artiin keenna uumaa, kalqa sammu fi kennaf kalqa kana ogumman gabbisuu barbaada. Egaa kan keessatti manni leenjii baruumsa ogumma kan akennu bayinaan dhabamuun gahee guddaa qaba. Kana malees leenjii  gaggabaaba adda addaa argachuu dhabuun, meeshalee barnootaa deegaran dhabuun, hayyuu naannoo kana irratti hojatuufii beekumsa gaha qabu dhabunis rakko baldhinaan muldhatu. Fakeenyaf nama iskiriiptii fiilmii tokko ilaalee yaada itti kennu akka hojjatamu rikamandi godhu erga baheen booda qeequ gama afaan oromoon hin muldhatu.

 

D. Ummata gita giddu galaa gaha dhabuu

Namoonni tokko tokko fedhiin wantoota uuma yoo jedhan,tokko tokko immo wantootatu fedhii uuma jedhu. Namni bakka barbaadu tokko gahuf geejjiba safisa guddan deeman yoo jedhan laakii kookan umamuu isaatu fedhii kookaa uumee jedhu. Egaa gara fiilmii oromoo yoo dhufnu namoonni tokko tokko filmiin Oromoo gabaa(fedhii) hin qabu otoo qabaatee namoota baayye hawwachuu danda’a, hanga bu’aa qabaatetti abban fe’e irratti himaachuu danda’a . Garuu waan gabaa hin qabneef hojjatmus gati hin qabu jedhu. Gabaan isaa maalif dhabamee yoo gaafannee ummata gita jeddu galeessa dhabuu kan jedhu bira nu geessa.

Dhugaadha Oromoon gita jiduugaleessaa dhiphaa qaba.raggan akka nutti mulsutti hanga bara 1960mootatti magalaa oromoyaa keessa jiran 15 keessa lakkofsi Oromoo parcentiin 23% qofa yoo ta’u barootuma kanatii barattoonni yunvarsiitii  Finifinneetti bartan keessaa Oromoon parcentii 10% gadi jedhama(markakis, 1974). Magaalummaan(urbanization) fi baruumsi hundee gita jiddu galaatti jedhama. Kanaaf Oromoo hedduu magaala fi dirree baruumsaa keessa dhabun gita jiddu galeessa Oromoo balla dhabuuf bayye gummachee jira.

Gama biraan immo iddo magalaa Oromoti jedhamanitti immo of-fakkeesun(assimilation) waan geggefameef Oromoon magaala jiraatu akka afaan fi aadaa isaa irranfatee kan biraa fudhatu godhamee jira. Ragaan akka nutty argisiisutti miniliki bara dura dhufu Finifinnee keessa warraa ankobarri isa wajin dhufanin ala jiraataa hedduun Oromtota akka ta’an ni muldhisa. Lokkofsi kun yaa hir’achaa dhufu malee bara xaliyaanis finifinnee keessatti afaan Oromoo  afaan barnootaa ta’un Oromoonni baayyen akka asi turan nutty argisiisa. Haa ta’u malee of-fakkeesun hanga kufaatii dargii cimee adeemsifame sun laakofsa Oromoo xinnesus kanuma xinnat sani saboonsun isaa hin oole. Walumaa galatti rakkoon dowwataa fi gargaaraa fiilmii Oromoo dhabuun hunduma caala dhiphina gita jiddu galeessa Oromoo  wajjin kan wal qabatu.

 

 

E.  Rakkoo iddoo dowwii

Akkuma beekamu afaan Oromoo bayya kana keessatti afaan sabaafi sablammi jedhu jalatti idoo sadarkaa sadafaa yookin arfafaa irratti dhiyata. Kana irra kan ka’e hojiin yoo hojatame nama harkatti busheesutu muldhata. Haa ta’u malee yeroo dhiyoo asi haali kun xinno waan jijjirame fakaatus hojjimaannis isaa guddina afaan oromooti kan dhimuu miti. Manneen tiyaatiraa jiran filmii Oromootii karra cufachuu ille yoo baatan guyya tokko erga muldhateen booda afaan amaaran wal bira qabuun namni dowwatu hin jiru jechuun argisiisu dhabu. Kun isa “unfair competition” jedhamuudha. Afaan Amaaraa gatii afaanota biraatin qabeenya ummatoota biratin sadarkaa biyyolesaan kan dagaagaa tureedha.Kanaaf muxxanno heduu hortee artii hedduu homishatee lafa qabatee jiraa. Kanaaf naanno dagaagina isaa kan jiruuf morkataa isaa ta’uu kan danda’u Afaan Oromoo gaaddiduu isaa irra buusee jira, Regional language hegemony jechuudha. Kanaaf afaan Amaaran dorgomanii  iddoo dowwii itti fufiinsa qabu argachuun baayye ulfaatadha.

Gara kutaa biyya yoo deemne immo kan kana caalu argina. Magaalonni Oromiyaa galma hin qabnee jiraachuu qofa otoo hin ta’in warri qabanii iyyu dame kana kennuuf kireesuf bu’aa bayyi jiruu galmicha dhaaluu caala. Isee dhuftanii? maalif dhuftanii? eenyutu koota isiniin jedhee? eyyama qabduu? Gaafileen jedhanii tarreen magaala hundattu egatu. Tajjabiif magaala Oromiyaa tokko keessatti fiilmii afaan amaaraf guyya 12 tola yoo eyyeman fiilmii afaan oromoo tokko guyya tokko kafaltiin kadhaan eyyaman.

Iddi tokko tokkotti immo filmii maalii asitti argisiistu badaa asii. Kan jedhanis guute.walumma galatti muxxannoon hanga amma arge irraa Oromiyaa keessatti galma argatanii fiilmii argisiisun baayyee ulfaata.

F. Rakko abbaa dhabuu

Rakkoo dhumaa jedhee kanan kaasuu rakko abba dhaubuuti. Namoota muraasaa artichaaf dhiphataniin ala namoonii hojii keenya jedhanii wantichaaf dhiman hin jiran jechuun ni danda’ama. Inimayyu yeroo tokko tokko nuti misooma malee fiilmii hojachuu miti kaayyon keenya warra jedhanitu jiru. Biyyoota biraatti qaamni kan hordofuufii jajjabeesuu hedduu jira. Biyya keenyas komoshiinii filmii Itiyoophiyaa kan jedhamu ture. Amma garuu homtuu hin jiru. Namoonni yoo itti tolee fiilmii hojatan malee qaamni maalif hojatamuu dide jedhee qo’atee akka hojatamu jajjabeesuu baayye hin jiru. Silaa adaafi turizimii ilaa . Isaanis hanga socho’uu qaban hin sochoone.

Garuu erga hojjatameen booda eyyama yoo didan hin argine. Filmii tokko qofa qulqulinaa hin qabuu jechuu isaanii malee.

Gama biraan waldaa yookin abba qabeenya cimaa yookin intarpiraayizii cimman hojii koo jedhee hojjatu hin jiruu . kana wajjin kan ka’uu qabuu riqichii artistootaf abbaa qabeenyaa walitti fidee akka waliin hojjatan godhus hin jiru.

Kana irra kan ka’ee fiilmiin ummata guddaa tokko industiriin galli gudda biyya keessaas ta’ee biyya alaa argamsiisu danda’u tokko dubatti hafee qancaraa jira.

v Dagaagina egeree fiilmii Afaan Oromoo

Afaan Oromoo dubbataa miliyoona 40 qabaachun afaan Arbaa, afaan Hawwusaa fi siwaahiliitti aanee afaan Afrikaa keessaa sadarkaa 4ffaatti argamu. Dubbataan Afaan Oromo parsantiin 80% biyya keenyaatti yoo argamu parsantii 20% immoo biyya alaatti argama. Biyya keenya parsantii 40% akka afaan dhalootatti yoo dubbatu parsantii 10% gadi kan hintaane immo akka afaan lammafatti dubbata.

Egaa afaan kun yoo haalan itti hojateme fuunduratti ummata gita giddu galeesaa ballaa qabaachuu kan danda’u. Amma wyta kanatti bartoota miliyoona 5 olitu Oromiya keessa jira. Isaan kun wagoota muraasan booda warra gita kana keessa galan. Kanaaf borri hundee artii kan ta’uu danda’aniidha.

Afaan Oromoo afoonota biyya kana keessa jiraan(afaan sumaalee hin ilaalu) caalaa  dubataa afaan dhalootaa kan qabuu dha. Afaan Oromoo itoophiyaan alaa namoota miliyeena shan ta’utu dubata jedhamee dubbatama. Isaan kana keessaa miliyoonni tokko hojii artii tokko doolara tokkon otoo bitee biiyyattin galii guddaa (forgein currency) argisiisuu danda’a. Har’aa malee boruu abdii guddaa qaba.

Gabaa fiilmii keessaa parsantii 70% oli finifinee dabalatee Oromiyaa keessaatti argama. Magaloota kana keessaa dubbataan AfaanOromoo dabalaa waan dhufeef funduraatti filmii biyyatti keessa gabaa guddaa kan qabuu fiilmii oromoo ta’uun waan hin olee.

Kanaa malees Oromiyaan qabeenya umatiin badhaatuu ta’uun ishii iddoo kamirrayyu invastimantii hawwatuu ta’uu biraa dabartee baayyee keessumessa jiraachuun ishii funduratti humni fiilmii Oromootii irree ta’u jiraachuu muldhisa.

v Furmaataa rakkoowwan ka’anii

1.  Rakkoo ilaalchaa furuu

2.  Madda  mallaqaa baayyisuu

3.  Ummata gita galeesaa horachuuf baruumsafii daldala babalisuu

4.  Iddoo dowwii babalisuu

5.  Qaama cima artif dhimmu dhaabuu

            

 

  

   

 

12 Comments

Leave a Comment
  1. Gemechis Fikadu / Dec 14 2010 3:35 pm

    YAADAWWAN ASIRRATTI KA’AN RAKOO YEROO AMMAA TA’EE MUL’ATA
    RAKKOO KANA FURUUF SABNI BAL’AAN KUN WALIIN TA’EE ARTIIFI AADAASAA GUDDISUUF GUMAACHANAMA HUNDAA BARBAADA .KEESSUMAA KAN NAMA BARATEE GUDDAA TA’UUN DIRQAMA TA’A

  2. tura / Dec 26 2010 4:16 pm

    Rakkoowwan fiilmii Oromoo ilaalchisee yaadni ati kaaste martuu sirriidha.Rakkoowwwan kun jiraachuu isaaa qorattee bira ga’uu keetti baay’een gammade.Haa ta’u malee rakkoo kanaaf furmaanni uummata oromoo maraa fi mootummaa naannoo Oromiyaati.Maaliif yoo jenne rakkoo isaa abbumatu hiikkata waan ta’eefi.Keessumaa warra kallattiin hojii kanaa isaan ilaallatu ciminaa fi kutannoo issaan barbaada.Rakkoon jira jedhanii humna laafuu miti.Afaanichaaf dhiiga QABSA’OTAAtu dhangala’e waan ta’eef. ANIS AKKA LAMMII TOKKOOTTI GAHEE KOO NAN BAHA!

  3. mekonnen adugna / Jan 11 2011 6:59 am

    filmiin afaan saba bal’aa kanaa yoo dhabamuu baay’ee nama gaddisiisa.oromiyaan waan artistii hin qabnee fakaata.artiistoonni oromoo nuuf jabaadha,aadaa,seenaa,dudhaa fi dhugaa ummata keessa jiru nuuf mul’sa.

  4. Dhufeeraa / Feb 5 2011 6:10 am

    Waa’een fiilmii Oromoos taatu, Aartii Oromoo akkuma waliigalaatti marga lafaatiif gaaffiidha. Dubbii isa Oromoon ‘akka hin duwwanneef itti cuuphataniitu akka hin faffatneef immoo irraa urgufa’ jedhuu saniin tokko. Kanas ta’e sanas garuu amma ilmoo geessifanneerra. Isa durii caalaa arraba dheerannee dubbachuu dandeenya. Garuu dukkanatti ija baasanii dhagaa falaxuuf dandiittii biqilfachuun akeeka ilmoo Oromoo maraa ta’uu qaba!

  5. Dhufeeraa / Feb 5 2011 6:12 am

    Waa’een fiilmii Oromoos taatu, Aartii Oromoo akkuma waliigalaatti marga lafaatiif gaaffiidha. Dubbii isa Oromoon ‘akka hin duwwanneef itti cuuphataniitu akka hin faffatneef immoo irraa urgufan’ jedhuu saniin tokko. Kanas ta’e sanas garuu amma ilmoo geessifanneerra. Isa durii caalaa arraba dheerannee dubbachuu dandeenya. Garuu dukkanatti ija baasanii dhagaa falaxuuf dandiittii biqilfachuun akeeka ilmoo Oromoo maraa ta’uu qaba!

  6. ABRAHAAM OLJIRRAA / Apr 3 2011 11:57 am

    asoosama kanatti baay’ee gammadeera

  7. Tafarraa / Dec 13 2011 9:54 am

    Waa’ee RAKKOO FIILMII FI ARTII AFAAN OROMOO ilaalchisee lafa goote sirruma;qorattee,hubattee kan ibsite dha. Afaan kanaaf quuqama guddaa qabda,eebbifami!…………. Rakkoon kun hunduu kan dhufuu danda’e, dhiibbaa sirnootni darban nurraan geessisan waan hidda jabeeffatee lafa qabateefi. Kan biraammoo OF TA’UU waan dadhabneefi……natti fakkaata.kanaaf furmaanni amma jiru: 1, Of yoo taane, 2, Quuqamtootni Afaan kanaa harka wal qabannee yoo sochoone,
    3,Mootummaan naannoo Oromiyaa dhaabbilee Aadaa fi Turizimii yoo jajjabeessee fi ….k.k.f dha.
    HUB: ‘SANGAA ABBAAN GAAFA CABSE, ORMI IJA JAAMSA.’isa jedhamu sana akka nutti hin dhufneef barreessitootni/keessumaa dhalataan Oromoo/ barreeffama keessan akka sirreeffattan dhaamsa koon dabarsa.

    TAFARRAA DASSAALEE IRRAA

  8. lover / Jan 31 2012 6:03 am

    afaan oromoo afaani ittiin hidhaman ,reebaman,biyyaa baqatani maleee afaan guddina miti

    • qalbesa / Apr 16 2012 7:11 am

      hi afaan Oromoo Afaan gudinatti, reebamuun baqachuun hidhamuun rakko siyasati malee rakko afaan Oromoo miti. baqataan Afaan Oromo guddisu danda’a. mee sin gaafadha afaan Oromoo yoo hin guddanne Oromoon guddatti? Mallattoon Oromumma inni guddan Afaan ORomooti.

  9. fuaad goonjii / May 29 2012 8:04 am

    Eyyen rakkoon isin kaaftan kanuma dhugaan jiru sani;furmaanniis kanuma isin keessaniin ala hin ta’u:aniis barataa fookloorii waaniin ta’eef,waaniin baradhe hojiirra olchuuf dirqama kiyya niin baha.Tokkummaan yoo kaanee kanaa miti nuti saba kilimanjaaroo fonqolchuudha.Hundumaafuu tokkummaan haa kaanuu!!!!!!!!!

  10. Rattaa Urgeechaa / Feb 20 2013 7:38 am

    Yaadni dubbiistootni kasanis akkuma jirutti ta’e wantin ani dabalu immoo namoota barreesitoota ta’aaniin walitti dhuftanii maaliif yaadaa keessaan waliif hin hirre isiin?
    kana irra kan hafe baay’ee gaariidha jaabadha haaluma kanaan guura dhaggeefatoota heddutiniis barreeffamaan nufuf ga’a.

  11. xxx / Sep 17 2013 8:42 am

    deebiin rakko,rakkina addan baasu osoo hin taane furmata isaa waliin barresu dha.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: