Skip to content
August 14, 2009 / qalbesa

Oromoshort stories.Assosamoota gaggabaaboo Oromoo

3 ODUU

“Soniyyee kophaa kee maal asii goota?” naan jette intalli diimtuu, dheertun ilkaan kaarruu takka, Dilbata ganama ji’a Waxabajjii bara 2000. Ani wayta san Yunivarsiitii Finfinnee, kaampaasii guddaatti barataa waggaa sadafaan ture.

“Lammata akkanatti na hin waamin sin hin jennee?” jedheeni ishiin na aarsinaan.

 “Ati immoo baruma baraan muudiin sii hin galu. Waggaa sadii as turtee jirta, garu waan waggaa tokko as turte hin fakkaattu”.

“Sanaaf hin rakkatin isin yoo nuuf ammayyoomtan nu gaha. Bartoota muudiin galeef jennee karra tokkaffatti suuraa keessan maxxansina. Tariis immoo jiinas buukii muudotaa irratis maqaa keessan barreesina, ammaaf garu maal si gargaaru?”

 

“Baruumsa tokkotu naa galuu didee, xinnoo na qo’achiisuu dandeessaa?”

“Tole, mee yaa ta’u” jedheen barumsicha ibsuufi jalqabe. Otoo daqiiqaa lamaa hin ibsiniif

“Soniyyee, Daamxoon bar na gaafatee” jette

“Isa booddee hasofnaa, amma mee na dhaggeeffadhu”

“Tolee”, jette otoo hin fixin

“Intalli kun immoo gurbaa kanaa wajjin yoom jalqabdee?” jette quba ishii qaqalloo gara dhiira fi dubartii wal hammatanii deeman tokkootti eeraa. Kaballaa itti cufi na godhe. Garuu mooraa keessatti nama tumuun dhorkaa waan ta’eef nan obse. Aarii koos akka na irratti hin beekne jedheen ishiif kan ishiin ilaaltu ilaaluu didee barruulee qo’annuutti deebi’e.

 

“Sona dhiifama! Sin jeeqee?” jette hidhi ishii xuxxessaa.

“Lakkii na hin jeeqnee” jedhe aarii koo akka na irratti hin beeknee dhoksaa. “Ilaa, qormaanni gahaa jira waan ta’eefi yaada Keenya sassaabbannee qalbiin yaa qo’annu”.

 

“Tolee, Sonniyyee!” jette deebitee barrulee na wajjin ilaaluu jalqabde. Sarara lamaan tokko yoon ibsuuf hamoommachuu eegalte. Maal akka ishii godhu wallaalee otoon yaaduu

“Maaliif buna hin dhugne?” naan jette

“Lakki, booddee dareen qaba waan ta’eefi asuma taa’een xinnoo ishii dubbisa; ati garuu dhaqii dhugi”

“kophaa koo hin dhugu. Anis daree waanan qabuuf walumaan deemnee dhugneeti achumaan daree gallaa”.

 

“Lakki asuma naa wayyaa” yoon jedhu

 “Ati immoo kanuma badda, oduun namaa guutuu malee guyyuma tokko illee buna namaa hin bittuu?”

 Qaana’een wajjin deeme. Bunicha ajajannee teenyee haasa’uu eegalle. Oduun ishii martuu waayee abalu abalu akkas godhee ti. Yeroo baayyee matimini dhiira, gochamni dubartii dha, gochi jaalala. Yeroo tokko tokko garuu iddoon wal jijjira malee matihimnii fi gochamni dhiiraf dubartiin ala hin ba’u. Gochi garu jijjiiramuu danda’a :jibba-jibbite, jibbe, ganuu, gane gante fi kan kana fafakkaatan ta’uu danda’a. Otoo sammuu oduu kana hunda ittiin funaantu beekumsa ittin funaantee waa meeqa barte.

 

“Kaleessa Caaltuu wajjin teessanii yoo odeessitanin sin arge”jette ija babaasaa.

“Eyyeen, waliin turee”

“Isheen bar, jaalallee qabdii”

“Ana maaltu na dhibe”

 “Jechuun jaalalaa yoo barbaadee jedheen”.

 “Kan argine mara jaalalaa barbaanna taanaan; nuti beelada malee nama miti” jedhe ija keessa yoon ilaaluu lafa ilaaltee akka qaana’uu wayii taatee.  Buna nuuf dhufe suuta jennee dhuguu jalqabne. Haallii ishiin buna ittiin dhugduun mataa isaantin haala addaa qaba. Qeexaloo, garuu eesa gahuuf, maal ta’uf akkas ta’uuf. Namni of ta’uu dhabe kan biraa akkeesuu yoo eegalu karaa du’aa deemuu akka jalqabe hin beekuu? Raaji! Of ajjesaa orma jiraachisuu.

 

*  *   *  *

Galgala yoon galu doormiin keenya garmalee oo’ee jira. Barattoonni adda addaa, muummee adda addaatii dhufanii achii wacu.

“Maali inni?” jedhee otoo hin fixin nagaa gaafadhee gara dulaaba koottii fiige.

“Weel kaam” jedhe Ibdoon sagalee furdaa odeessaa tokkoon.

“Akkam milkooftee?” jedhe

“Maali?” jedheen, maal akka nagaafate baruuf yaaddan dhama’aa

“Milkoofte! Hin milkoofne yoo jette waan ajaa’ibaati. Hanga ammaa, koman koorsii isatu hin fudhatin jetteetii kan har’a si wajjin oolte”

maali jechuu akka barbaade naaf galeet

“Isa dhiisi mee” jedheen

“Hin qaanoftu moo? Hin milkoofne jettaa bar!”  

“kun milkii miti  bar, ani jaalallee baayye , bayyee jaaladhu waan qabuuf kan biraa hin barbaadu”

 

“Nuti bar jaalallee qabdaa siin hin jennee, koman koorsii fudhadhu jenne malee” yoo jedhu hunduu giingisuu jalqaban

“Haasaa biraa hin qabdanii?”

“Jaalala fagoo hin amanin, ‘the nearest is the dearest”, amma wayita kanatti maal akka hojjachaa jirtu beektaa fayyaalessa koo?”

 

“Isheen waan feete hojjachuu dandeessi; sun mirga ishiiti. Ofi jette naaf yaa amanamtu, ofii jedheen ishiidha amanamaafi. Ofii jennee yoo walii amanamne wal amanna!”

“Amma gaye dhimma keenyatti yaa deebinu” jedhe Abdoon

 

“Akkuma dura marii’anne, dhiifama warri barfattannii dhuftan; dhimmi keenya har’aa; waaye waldaa barattootaa dhaabuuti; ‘yoo walii galan alaa galan’ jedhee akkuma Oromoon mammaake walii gallee waldaa barattootaa tokko dhaabanna yaada jedhutu jira, isin yaada kana akkamitti ilaaltu?” jedhee ijaan hunda keenya irra deeme Ibdoon.

 

Ibdoon yunvarsiitii Finfinneetti, barataa saayinsii siyaasati. Ibdoon baachii koo waan ta’eef siritti wal beekna. Darbees, amma erga dormii tokko jiraachuu jalqabnee wagaa lammaffaadha. Yeroo kana keessa guyyaa tokko walti buunee hin beeknu.

Ibdoon sabboonaa waan ta’eef barattoonni Oromoo martuu baayyee isa jaallatu. Hunduma caalaa immoo onnee qabeessii fi of kenniin ummata bal’aa kanaaf qabu barattoota biratti iddo guddaa isaa laatee jira. Innis kana baree haa ta’u ykn uumaa, yeroo hunda yaadaa harawaan dhiyaata. Ammas yaada kana kan kaase isuma.

 Garuu Ibdoon rakkoo tokko qaba jedhameet hamatama. Namoota kaabaa dhufan lafumaa ka’ee jibba. Kanaaf inni sababan qaba jedha. Sababni kun garu tokkoof dhugaa; tokkoof dhugaa waan hin taanef yeroo baayyee dubbii falmii ta’a. Isaaf haccuuccaa, haxxummaa, yakka, saamicha fi kan kana fakkaatu qofatu kaabaa dhufa. “Biyyattii kana keessatti guddinni dhugaa, aadaan dimookraasii fi bilisummaan waliigalaa kan dhufu ummanni jiddu galeessaa fi kibbaa iddo isaanii malu yoo argatan qofa. Sana yoo hin ta’in ni guddannaatti gadi guddanna” jedha.

Gama biraan immoo hamma barbaachisuu ol humnatti amana. Isaaf dhugaan homaa miti, yaada cimaatii “cimaan laalee nama argisiisaa” jedha. “Faranjoonni addunyaa teenya karaa barbaadan kan oofan humna waan qabaniif. Ameerikaan addunyaa teenya irra akka feeteti kan burraaqxu waan humna qabduufi. Gabaabumatti “might is right” kana irraa kan ka’e, maqaan Humnessaa kan itti bahe.

 

Siree doormi irraa gamaa gamana wal ilaalaa  barattoonni afur tataahanii falmii o’aa geggeessu. Ani shanaffa dha.

“Jaalannus jibbinus du’aafis yaa ta’u jereenyaa waldaa qabaachuun dirqama. Kanaafu, Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO) kan jedhamu yoo dhaabne hoo?”

“Dhaabun sirri ta’ee, garuu beektota keenya wajjin dura otoo mari’anne hoo?” jedhe Garoo Duube.

 Nan yaadadha dura mooraa yoo galu maqaan isaa “Garoo” miti Jaalataa Duube turee. Garuu ‘fannisaa kaaffee’ akkasumas yeroo affeeran, nyaata qofa waan ajajatuuf, gurbaan kun garaa jaalata jedhanii “Garoo” jedhaniini. Ergasii asi hunduu Garoo jedhaan. Amma barattoonni baayyen keessattuu duuben keenya “Garoon”isa beeku. Maqaa isaa kan dhugaa se’u.

“Lakkii Jaalataa (maqaa kana beekaa fayyadame) hara’a boruu otoo jennuu yeroon dhumaatii, otoo waa hin hojjatin gidduutti hafnaa”

 

“Yaaddoon kee naa gala, garuu wanta ariifannaan hojjatamu miti. Karaa of-eeggachaa deeman nagahan gahan. Hin ariifatin hin ariifannuu, lafa fiigichaan gahan lafoos hin hanqatanii”.

Dhugaan amansiisaa fakkaatee. “Maal goonu?” jedhe Ibdoon murtiin akka itti kennamuuf.

“Wadhakaan lakki lafa irra butuun icciticha alagaaf laachuu dha” yoo jedhu “Barattoonni lama bullee laalla” jedhan.

 

Ibdoo yeroo baayyee adeemsa akkasii kanatu yaaddoo keessa isa galcha. Walii galteef walii galtee dhabu. Walii hin galluuf walii galtee godhachuu. Walitti fiigu irra wal irraa fiigu.

“Egaa yaa bulu yoo jettanii boru sa’a kanatti asumatti argamnee yaa murteessinu. Beektota keenyaa wajjinis yaa mari’annu. Garuu ribuu walii yaa gallu, yaa kakannu. Iciitii kana eenyuttuu hin himnu”

 “Hin himnu” jedhani sagalee tokkoon.

“Ibdoon ni gammade, Ibdoo qofa mitii hundumatu gammade. Walii galtee kana Oromoo marti ayyana isaa irraa waan dhagahuuf gammaduu isaatuu oolaa? Mooji?

 

Barii akkuman daree jalqabaa baradhee baheen gara doormii yoon deemu, intalli tokko karaatti na argitee,

“si’i Sona, adeemsi keessan kun siriidha amma? Maali nama ta’uu wajjin iccitiin yoo hojjattan?”

“Maal?” jedheen

“Akka nama homaa hin beeknee nama dhoksuu yaaltu garuu bukoon keessan ala jira” jettee na biraa sokkite.

                *   *   *  

Akkuman bare dhaqeen kiisingi puulii teessoo gara bitaa jiru tokko irra taa’ee yaadan bade.

 “Eenyutu iccitii kana baase? Maaliif? Akkana taanan hangam hojachuu dandeenya? Oduu? Waan hedduu cimoo ta’an dirqama fi quuqama lammii keenyaa waan qabnuuf ni mari’anna. Inni bulee oduu ta’ee deebinee   odeessina, oduu! Keessa dhabnee, keessoo dhabnee, keettoo dhabnee wal ijaarra jennee, wal diigna, wal qabanna jennee, wal gadi dhiisna. Hin gurmoofna jennee bittinnoofna. Lammii goota dhabe gurmuu mootii dhabe. Maalif? Maalif?? Maalif???

 

“Oromoon saba walii hin gallee?”jedheen of gaafadhe. Lakki seenaa wal dhabiiyyuu hin qabu. Saba ijaarsa cimaa, sirna gadaa qabu. Ofumaa deebse. Jaarraa kudha jahaffaa yaadadhe. Bara Gadaa keenyaa, bara akka nama tokkootti yaadnu. Bara sirna tokko jala jiru. Bara san guyyaan, keenya ture. Ihii, amma maal taane?”

 

“Hin gaddine, otoon yaaduu naa dhufe. Sun waggaa dhibba sadii dura ture. Sanaa as sobni kun hanga baballachaa deemee wal irraa fagaachaa deeme jira. Odaa tokko dhiisee, odaa shanitti bulu eegalee ture. Kun baayyina ummattichaatii irraan yoo ilaallu rakkoo hin qabu. Garuu rakkoo kan ta’e Odaawwan gargar bahuun hubna naannoo umuun dhuma irratti iddoo tokko tokkotti dudhaa ganamaa gadi dhiisuun harkaa Abbootii Duulaa bu’uun mootummaa of-danda’an ta’an.Oromoon erga harka alagaa galee immoo ittuu gargar bahe jira. Akka inni wal qoodun isas lagaan qoodan, innis lagaan wal qoodu bare. Awaas gamni, Arsii, Waabe gamni Baalee.Ilmaan Siikoof Mandoo hin haafe. Gibee gamni Jimmaa, Dhedhesaa Gamni Wallaggaa, gamanni shawaa, Ilmaan Maccaa fi Tuulamaa, ilmaan Boranaa fi Bareentummaa  lageen keessa yaa’un ciccitee. “Xaqlaayi gizaati”, walitti qabanii lagan kukutanii bituuf, “kifla haagarii”, kutaa biyyaa, biyya lagaan kukutanii bituuf qoodaa, qoqqoodaa, hojii-manee waggaa dhibbaa Habashaa.

Eenyumma mantaa dura hin qabneeni eenyuummaa amantaa ijaaru egale.Ati akkasii inni diina keeti, ati akkasii ajjeesi jannata gali. Ati akkasii jijjirii jannata galchi.

 

Ee magan! Ee magan! Rakkoon keenya baayyachuu isaa! Aja’iba Rabbii! Rakkoon keenya baldhachuu isaa! Ummata waggaa dhibba sadii addaan cite, ummata jaarraa tookko gitni algaa lagaan addaan qoodee, kan of fakkeesee, kan isa hin fakkaatin fokkisiisee, eenyummaa isaa mulqee, hundee isaatti deebisanii eenyummaa isaa kadhaabanii hidda latiinsa isaa fayyisanii ijaarun hangam namatti ulfaata.Garuu abdii hin kunnu. “Amoolee baattaa jennaan deegarra ulfaattii? jedhe” jedhama. Addaan ciccituufi diina walitti ta’uu caalaa hin ulfaatu.

 

Ishoo galata! Hagana walii galuunuu walii galteef karaa banuu dha. Wali galuus baannu, walii galuuf carraaqna. Maaltu beeka? Maaltu beekaa, maaltu beekaa?  Rabbi tokkichaa malee!

                                  * * *        

 “Sonii, sona, soniyyee” jettee gateetii koo qabaa.

 Garagaree laaleen;

“Maali, maal taatee yaadan akkas baddaa, bar atii yoo akkas taatuu garaan na badaa” jettee na maddii teessee harka narra kayyatte. Harka ishii of irraa kaasen ija keessa ilaalee. Akka damaqinni wayi irraa dubbifama. Harka ishii ofi irraa waanan kaasef fakkaata. Deebitee immoo  sagaleedhuma durii sanaan “Sonii, dhimma cimaaf si barbaadan ture?”jette

“Maalii nagaa mitii?”

“Isa illee, nagaadhaa, wayi sitti…?”

“Maal inni dhoksaadha moo?”

“ Lakki dhoksaa illee mitii garuu …”

“Garu inni… fixi kaa?”

“Garuu dubartiin …”

Yaanni ishii naa galuu yaalee, garuu yaa fixxu jedheen

“Garuu dubartiin ni deessii, dhirii ni dhalcha”

“Eyi” jettee rukuttaa jaalalaa tokko kolfaa, na rukutaa.

“Jechuun” jettee ija dunuunfatte, Humna sassaabbachuuf fakkaata. Ammas “Jechuun” jettee,

 “Maali jechuun, jechuun jettii, waan taate hin himattuu?”

Waraqaa tokko irratti barreessitee natti kennite.

“Dhiifama garuu dubartiin dhiiraa hin gaafattu, waanuman bayyee si jaaladhu malee. Ati naa hubachuu didde malee ani bar haala adda addaan siif ibsuun yaaleen turee” jettee lafa laalte.

“Homaa itti hin dubbanne” calliseen yaadan bade, gara jaalallee kootii.

Hidhii ishii fidee yoo hidhii kootti irkistun baannanee ka’e.

“Maal taatee” naan jette kolfaa.

“Ilaa, hunduma caala iftumma kee keessattu, harqota dubartummaa kana cabsitee sin jaaladha jettee afani baastee na gaafachuu keetin bayyeen si dinqisiifadha. Ija irraa hafi. Garu ani jaalalleen ofii ol jaaladhun qaba.”

“Ani ishii siin caalaa, ishee kiiloo afurii, ishee mataan ishii ciraaroo, cilaaloo fakkaatu sana mitii jaalallee koo kan jettu”.

“Eyyee ishuma, ishuma fokkistuu sanitu anaaf faaya”

“Ishiin illee sitti yaa haftu, si wajjin hin deemtu, nama akka keef …”

Akka na biraa hin hafne beekan jira kanaaf, dhugaa jiru itti himuun qaba.

‘Abjuu sodaaf taa’ani hin bulan’, garaa citteen haa yaatu jedheen

“Ila, jaalala keef baayyee galatoomii, ani fedhii kiyyaaf jedhee jireenya kee balleessuu hin barbaadu” yoon jedhu

“Maal jechuu akka barbaadde naa hin galle?” jette.

“Dura waanan sitti himu hundaa iccitiin qabuuf waadaa naa gali”

“Dhugaa Rabbii ,sonaan yaa du’u nama tokkotti hin himu”

“Egaa ani echi.ayi.vi (HIV) pozatiivi dha. Kana immo imaana sitti kennadhe, namatti najalaa hin himin” jedheen itti garagalee laalee .Naatee waan taatu dhabdee jirti. Naatee, afaan qabattee na ilaaltee oto waan tokko hin dubbatin fiigaa na biraa sokkite.                        

                              *  *  *

Yommuun doormii gahu Ibdoon bayye gaddee taa’ee jira.

 “Ibdoo maali taate?” jedheen akkuman ol seenen.

“Si’i dubbii san namatti wayi himtee ati?” naan jedhe. 

“Ibdoo hanga hara’a na hin beektu jechaa dha. Hiriyyummaan keenya akkanumaan jechaa dha, erga hiriyyummaan wal nu hin amansiisinii maaltu akka wal nu amansiisu hin beeku?”

“Jechuun anis bar nan rakkadhee, wanti nuti mari’annu martuu ala jira. Iccitii qabaachuu hin dandeenye akkanatti immoo maal hojjachuu akka dandeenyu ani hin beeku” yoo jedhu

“Hundi keenyaa of yaa ilaallu”

“Yaa ilaallu, garuu bar ani …”

“Eenyu shakkita?”

“Gurbaa san hin amanu”

“Gurbaa kam”

“Duubee garoo, nama baayyeetu bar…”

“Abdoo dhimma kana duras irratti mari’annee jirra. Ani kana itti hin amanu, anaaf kun cinqii miti. Mammaaksa Ameerikaa tokko beektaa. Ameerikaanonni, warri qarshii isaanii irratti “Nuti Waaqatti amanna jedhanii barreeffatan, biyya keenya fayyada taanan, seexana waaqeffachuuf duubatti hin deebinu jedhu kanaaf ummata Oromoo hin ta’a taanan seexana wajjin maalif hin hojjanne.

 

“Ummata Oromof ta’a fayyada taanaan seexana wajjin maalif hin hojjannee?”

“Eyyee, seexana wajjin maalif hin hojjanne”

“Sona na dhagahi, xinnoo rakko beekumsa seenaa qabda jechuu dha. Waayee dhaaba kanaa yeroo baayyee deddeebi’ee sitti himee jira. Dhaabichi gaafuma dhaabatu, rakkoo ummata Oromoo haalan hubutee, rakkoo sanaaf furmaata laachuf kan dhaabbate ta’us, finciltoonni kaabaa garuu maqicha dhaabaa fayyadamuun Dargii kuffisuuf kan itti fayyadamanii dha. Dhugaadha wayta sanatti, Dargii kuffisuuf qofa Oromoonni baayyen gara dhaabichaa galanii jiru. Gaafa Dargiin kufee haallii hundu hin jijjirama jedhanii qabsa’anii jiru. Rakkoon kan dhufe sana booda. Akkuma atuu jettu dhaaba kana akka dhaaba siyaasa tokkootti ilaalanii itti galan fayedaa Oromoof qabsaa’un ni danda’ama ture. Rakkon jiru garuu, haallii dhaaba keessa jiru sana hin eeyyamu. Dhaabicha keessa garee lamatu jira. Garee Oromoof garee biro. Lamaanuu ija hamaan wali eegu. Tokko Oromoof dubbata yoo ta’e ija hamaan ilaalamee “Dhiphoo” jedhamee rukutama. Akkanaan gareen kun lamaan waldiddaan wal-utubaa walii galtee walii hingalleen dhaabicha of- dadhabaa, gargaarsa kaabaa fedhaa godhanii kan hanbisan.”

 

“Kanaaf furmaanni isaa maal jetta?”

“Furmaanni isaa duraan dursee dhaabni kun of danda’ee adda ta’ee dhaabachuu qaba. Kun salphaa hin ta’u. Maaliif yoo jette haallii inni keessa jiru murnoo kaabaa waan fayyaduuf, warri kaabaa fayeedaa kana dhabu hin barbaadan.”

 

“Fakeenya siif yaa kennu. Dhaabni kun miseensa ADWUI kan ta’e bakka bu’insa ummata Oromoon bakka bu’a jedhuutin miti? Garuu koree jeddu gaaleessa ADWUI keessatti ummata miliyoona soddomaa of duuba qabatee miseensa kudha shan qofa keessaa qaba. ABUTn garuu ummata miliyoona afurii qabateeti isa wajjin qixa nama kudha shan koree jiddu galeessaa keessaa qaba. Dabalata Angoon Addichaa fi biyyichaa qaqaliin hogantootaa ABUT fi kennama dha. Dimokraasin baayyina ummataatii, maaliif angoonis baayyina ummata bakka bu’aniitin hin kennamne?”

Kunii walumaa galatti shiiraa dhaabicha irra jiru argisiisa. Kan biro waan tokko of keessa hin qabu.

Jechii tokko jira “‘ABUT yoo qufaan qabe DHDUOotu haxxifata’ jedhu.

Kana sii mirkaneesuf fagoo deemuu hin qabu. Bara 2001 wayta ABUTiin gargar fottoquu, DHDUOnis diigamu jalqabe. Isa kan hanbisuuf  ‘gartuu fottoqxuu’ jedhamee nama meeqatu ari’ame. Walumaa galatti dhaabni kun dhugaan Oromoo arrifannaan guddisu kan danda’u yoo Oromootti deebi’e Oromummaan hojjate, yoo gammachuu ABUT/ADWUI dhiisee gammachuu Oromoof hojjate, yoo faayedaa ABUT/ADWUI dhiisee fayeedaa ummata Oromoof hojjate qofadha.”

 

“Abdoo yaada kee gutumaan guututti nan fudhadha. Garuu akkana akkasi jechuun fala ta’aa? Abaaruu fi algeessuun furmaata ta’aa?

“Tole maali yaa goonu jetta ati?”

“Ana kan natti fakaatu, hunduma caalaa tokkummaa Oromootti nan amana, nan wareegamas.Gama dhaabatti yoo dhufte garuu dhaabni hunduu ilaalcha mata ofii qaba.Ilaalchaa isaanii  ilaalee, ciminaa fi laafina isaanii ilaalee, duuraaf duuba isaanii ilaalee qabxii kan kennuuf ummata Oromooti. Kanaaf immoo haala mijeessuun immoo itti gaafatamummaa bulchiinsa fi dirqama seenaa dhaaba aangoo qabate jiruuti.

Akka kana duraa garuu siyaasa tokkoo afarsinee kan tokkotti bishaan naquun nu hin baasuu. Kan nu baasu garaagarummaa dhaabbilee siyaasaa keenya akkuma jirutti keenyee qabxii tokkummaa dhabbilee siyaasa keenya addatti baasun gabbisuutu nuuf ta’a. Yeroo sana shoora siyasa Oromoon baha Afrikaatti taphachuu qabu mirkaneessuun kan danda’mu (oto jennuu Oromoon saba kophaa isaa garagartee  musiliimaa fi kiristaanaa wal-dandeessisuun riqicha tokkummaa ummata gaanfa Afrikaa ijaaruu danda’u dha. Maalif yoo jette saba kamii iyyuu caalaa amantiin gurguddaan lamaan keessatti argamu. Fakeenyaf Amaaraa yoo fudhatte bayyinaan Kirsitaana, Tigree yoo fudhate baayyinaan Kirsitaana, Sumaalee yoo fudhatte waluma galatti jechuu dandeessaa Islaama, Affaar akkas, ummanni biros. Kanaafi Oromon durii jalqabee riqicha amantii gaanfa Afrikaati, feekeenya waldanda’isa amanitootaati.

 

Tarii immoo ummanni Oromoo cancula tokkummaa ummatootaa gaanfa Afrikaati. Kanaaf ragaa hin barbaachisu. Maaliif yoo jenne baha Afrikaa keessatti sabni Oromoon wal hin daangesineen saba muraasa.

 

Kanaaf, kana baruun gahee Oromoon baha Afrikaa keessatti taphachuu qabuuf gumaachuuti isaani irraa eegama. Keessattuu luuxe-baatonni hayyuu kaabaa, gama tokkoon maqaa tokkummaan keessa olaantummaa ofii mirkaneeffachuuf wixxirfachuun kufaati irra maqimaqii isaan buusa. Gama biroon immoo bu’uura falaasma dimookiraasii, Bulchinsa hedduu; mirgaa bicuu (majority rule, minority right) otoo beekanuu dhaabbilee ofii bukeessanii tolchaniin gamtaa ijoollee walii hin gallee dhaabuu fi yeroof buluun fuuldura ummattootaa gaanfa Afrikaa dukkaneessun hooddii abdaa gochuu malee xiyyaa kallattii guddinaa muldhisu miti. kanaaf yeroon amma. Oto aduun hin dhihin. Erga dhihee dhidhiitachu irra otoo hin dhihin malachu, ‘akkuma Oromoon, ‘ifaan soratan,dukkana daakkatan’ jedhe” yoon jedhu alaa balballi rurrukutame.Yeroo kanan hasa’a dhaabee balbalicha banuu adeeme, yoon banu.

“Hi, akkam, Duuben hin jiru?”

“Lakki hin jiru?”

“Haaya, namni karra tokkoffaatti si barbaada na je’in”

“Nama akkamiitii? Baadiyyaa dhufani?”

“Lakka boo, namtichi suufa wayyii diratee jira, nama magaala fakkaataa!”

“Tole ittin hima” yoon jedhu

“Kaaffen gaye, maaliif hindeemne” jedhe gurbaan ergaa fide.

“Gahee jiraa?” jedhee Abdoon sa’aa ilaalee.

 “Hari’i shiroo waan ta’eef maaltu nu ariifachiisaa?”  jedhee afaanii otoon hin fixiin

“Koottaa isinin affeeraa” jedhe gurbaan ergaa fide

“Lakki guyyaa biraa, yoo qarshiin sii dhufe”

“Lakkii, maallaqni hara’a waan naa dhufeef isin yaa affeeru” jedhe

“Tolee” jennee yoo bahu taanu

Duubee Garoo teenshin booksii keessa riphee dhaggeeffatu keessaa.

“Qufa’aa, eenyu inni kan na barbaadu?” jedhe

Kolfi nu qabe, garuu immoo baayyee rifanne. Keessattuu Abdoon nahee achumatti hafe.

“Kotu namni karra tokkoffatti si barbaada” jedheen gurbaan ergaa fide

Dafee nu duukaa ka’e. Raajii oto waayee nyaataa dubbannee jirra ta’e iccitti keenya baha turee!

*  *  *

Erga laaqana nyaannee booda jaalallee koo arguufan gara kiilo afurii deeme.

Kiilo afur gahee yoon waamsisu hin jirtu. Egaa, yookin daree qabdi yookin namaa wajjin iddoo wayii deemte jedheen dhiise.  Guyyaa lammaffaasi deebi’ee yoon gaafadhu hin jirtu naan jedhani. Duri guyyaa lamaa, sadi’in wal arginaa  turre. Ani hafu ishiitu dhufa. Ishiin haftu anatu dhaqa. Amma garuu asi buutee ishiin dhabe. Rakkannaanin hanga daree bartuu deemee barbaade.Hin jirtu. Hiriyyaa ishii argeen akkan barbaadu akka itti naa himtuu fi irbaatan booda sa’aa 6:00 tti akka naaf beellamtu imaanaa itti kennadhee deeme.

Sa’aa jahatti iddoon itti beellame yoon gahu hiriyaa ishii malee ishiin hin jirtu. Ariifadheen safisaan gaafadhe.

 

“Jiraachuu jirti, garuu si arguu akka hin barbaanne natti himte” jettee calliste

“Maali, maalan ishii godhe” jedhee yoon iyyu

“Hin iyyini, jaalala keessa rakkoon hin dhabamu. Inni guddaan garuu rakkoo uummame san ifaa fi bilisa ta’anii mari’achutu furmaata ta’a” jette.

Anis hin shakkine, baayyee waanan jaaladhuuf iddoo shakkii hin qabu. Egaa itti toluu dide jedheen yaade malee.

 

Ammas guyyaa sadaffaa deebi’e barbaadeen. Hin jirtu. Hiriyyaa ishiis argu hin dandeenye. Amma garuu baayyeen yaadda’uu eegale. Waan tokkotu uumamee malee akkamiin akkas baddii. Rakkoon otoo hin jiraatin akkamiin akkasitti na dheessiti. Waanuma fe’e otoo ta’ee bar hiriyyaa kootii, qaama wadhakaa koo jedhee otoon abdadhuu akkas na godhuun ishii baayyee na aarse. Garuu maal gochuun danda’a, jaalalli obsa hin qabne maraatudha ofin jedhe. Obsee yeroo ishiin kutaa dhaa baatu eegee maaluma akka taate gaafadha jedhe murteesse. Deemeen sagantaa barumsa ishii bakka beeksisni bahu ilaale. Guyyaa sana barumsa hin qabdu. Bariisaa garuu ganama sa’a 8:00 hanga 10:00 hin qabdi yeroo sana anis nan qaba kan koo yaa hafu mee ishumti maal taatee akka hafteen gaafadha jedheen murteessee kara dormii deeme.

 

Guyyaa arfan darbe kana anis sirrii miti ishiinis sirrii miti. Ani yaaddoo jaalallee kootu akkas na godha. Dhugaadha otoon ishii hin argiin guyyaa lama oolee hin beeku. Hara’a garuu guyyaa arfaffaadha, kan durii irra dachaa lama. Namni immoo akkan waan ani mudoo wayii qabuu maalif na dheessuu? Kan dur oduu funaanuu na duukaa yaa’an martuu hara’a kophaatti na gatanii jiru. Kan dur si jaalanneen karaa deemu na dhoorkan amma ijaan argaa koo jibbu. Kuun hidhii xuuxu. Maalif jedhee of gaafachaa Kiiloo Afurii hanga kilo Jaha miila koon dhufe.

Kiiloo Jaha yoon gahu intalli tokko dhuftee nagaa erga na gaafatteen booda

 “Sona, homaa hin gaddin, kan akka kee bar nama baayyeetu jiraa” naan jette.

Maali jechuu akka barbaaddee naaf hin galle.

“Deebiseen maali jechuu keetii?” jedheen.

“Jechuun fakkeenyaf ani vayirasii HIV wajjin kan jiraadhu dha” yoo naan jettu waan biraa hin shakkine.

 

“Ila, HIV wajjin jiraachuun, dhuma jireenya miti. Ati immoo intala baratte.

Abdii qabaachuu qabda. Yeroo isaa eegdee qoricha umurii dheeressu fudhachuu qabda. Hunduma caalaa gorsa ogeessa fayyaa fudhachuu fi hoji irra oolchuu qabda” jedheen gara kaaffee biraa sokke.

 

Halkan ijji koo otoo qola hin galin yaadaa bulen, bariisaa otoo ishiin daree hin galin daree ishiin barattu gahee eeguu jalqabe.

Gurbaa tokkoo wajjin harka walqabatanii kolfaa, fandalalaa yoo na bira gahan, ishiin yoo na argitu rifatte. Garuu waan tokko otoo natti hin dubbatin gara daree ol seente.

 

Ani garuu waanan arge amanuun dadhabe. Tasa akkas na gooti jedhee hin amanne. Garuu abjuu miti. Gootee jirti. Lakki abjuu guyyaa ta’innaa? Lakkii ijuma kootu argee. Obseen eeguu eegale. “Obsan annan goromsaa dhugan; ‘obsan warroomani” jedha Alii Birraa. Sa’aan lama waggaa lama natti ta’e. Garuu homaa miti. Aarsaan jaalalaa kanaa oli jedheen sabare. Rooba ganama Waxabajjii qorra lafee nama cabsu. Haa ta’u gatiin jaalalaa kanaa oli.

Gahuun hin ooluu sa’aan afur hin gahe. Amma kopha baatee jirti. Itti deemeen harka qabe.

 “Iii, maal gochuu dhufte, gadi na dhiisi!” jettee iyyite.

“Waan taate qofa natti himi, maal inni balleesan koo?”

“Abbaa feetee wajjin sagaagaltee natti deebitaa?”

“Sagagaltee!…….”

“Eenyuu ani moo!”

“Eenyuttan dubbachaa jira, ofii dhibeen faalamtee, anas dhibeen na faalufii… maalan sigodhe, aarii na irra qabdaa?”

Yeroo kanan yaadadhe.Amma waan hunduu  naaf ife. Oduu …. Oduu …

“Leensa, Sonaan pozatiivii dha siin jedhanii? Leensii, Leensii koo, ati ana hin amantuu? Ana irra oduu namaati amantee na gantee? Garuu sitti hin mufadhu. Oduun namaa muka jiidhaa bara gogsutti maaf si jijjiire jedhee sitti hin aaru. Garuu Waaqayyo tokkichi keessa koo, hojji koo ni beeka. Namni na hin amanu, inni garuu na beeka. Ta’us waadaa tokko naaf gali. Nu lamaanuu deemne qoratamna” jedheenin imimmaan akka galoo fuula ishee irra gallisu irraa haqee.

 

“Homaa hin dubbannee” Tolee fuulan naa mirkaneessite. Yoon oli jedhee ilaalu barattoonni nu marsanii jiru.

“Ammas, kun oduu dha. Oduu yaa odeessan. Otoo jennuu Leensaa oduun jiraachuu kee mirkaneessa. Namni hanga lafa kana jirtutti, waan gaaris hojjadhu waan yaraa waaye kee odeessuu hin dhiisu. Garuu gaafa duute namni xinnoo sitti hiiqufi hiriyyonni kee yeroo xinnoof hayii hin duutee jedhanii hidhii xuxxuuxaa si yaadatu. Waayee kees ni odeessu, turaa hanga deemtu namni maqaa kee dhahu ni dhabama. Sammuu namaa keessaa baata. Jaalalli kee, jibbi kee, miirri kee, kolfi kee waan halleen kee si wajjin awwaalama. Hanga jirtutti garuu kun hundu jira. Kanaaf oduu namaa hin jibbin. Jiraachuu kee waan mirkaneessuf. Namni waan ta’e odeessuf mirga immo qaba. Kana dhoorku hin dandeenyu” jedheen gorsaa karraa baane.

 

Kana caalaa nu lamaanuu walitti hin dubbanne. Nu lachuu yaada mataa keenyaa keessa galle. Ani hunduma caala ofan amana. Yeroo daa’imummaa kanan rawwadheen ala walqunnamtii saalaa godhee hin beeku.

 

Garuu oduun namaa ana iyyuu sodaachisaa dhufe. Namni HIV qabu hin huqqata waan jedhaniif jedheen ulfina koo ilaalen jira. Dhugaadha xinnoo hiri’adheen jira. Dhugaa ta’innaa. Qilleensa moo maal irraa na qaba. Maaltu beeka wanta qara qabuunis darbuu ni danda’a .Yoo ta’es homaa miti. Qorichi jira bar jedhee otoon yaaduu kinilikicha geenye.

“Maal yaadde?”

“Nan sodaadhe?”

“Jabaadhu, yoo taanes maal? ofi baruun waan guddaa dha bar!”

Seennee dhiiga kenninee deebii qorannoo eeguu eegalle. Ammas walitti hin dubbanne nu lamaanuu yaadan bannee jirra. Ani waayee oduun yaada ishiin maal akka yaaddu hin beeku. Kana keessa na waaman. Akkuman ol seeneen fuula doktorichaa ilaale. Ifaa dha. “Doktor, gorsi kan qoraannon duraa iyyu na gaha” yoon jedhu.

“Kun eetiksii dha, kanaaf” jedhee otoo hin fixin

“beeka garuu….”

“Baga gammadde! nagatiivi dha”

 Fiigen Leensaatti marame. Ishiinis nagativii jedhaniin. Walitti maramnee boonye. Warra wal nu dhabsiisuuf yaaleef boonye. Goomtaa keenya boonye. Jaalala keenyafis gammachuu jaalalaa boonye. Wal hammannee baane. Deemnee wal affeerre. Kana keessan

“Otoo jennu, gurbaan ganamaa sun maal inni?” jedheen.

“Soni koo na jaalattaa?”

“Akkamitti akkan si jaaladhu sitti himu”

“Sonii, jette mataa gadi qabattee”

“Hin sodaatin natti himi”

 “Baayyeen si jaaladha, baayyeen si amanaa ture, garuu pozatiivii dha naan jennaani nama biraa wajjin jalqabe. Dhiifama guddaan si gaafadha, ani akkas hin seene durbummaa Koo….”

“Leensii Waadan keenyaa akkas hin turre. Oduu yoo dhageesse natti himuu qabdaa ture; egaa  ammas ji’a sadii’in booda irra deebinee qoratamuu qabna”

“Tole, Sonii”

Waldhungannee gargar baane.Baruumsicha findhee gara manaa galle. Ji’a sadii cinqiin dabarsinee Fulbaana dhuma irra wal argine. Ammas gaaffiin keenya doggogora darbe qulqulleeffannee wal amantaan waliin jiraachuf murteessuu dha. Kanaaf immoo qoratamuun dirqama. Haa ta’uu malee gara kootiin amma hanga duraa sodaan hin jiru.

Keessattuu ani ofitti baayyee waanan amaneef dur huqadhe kanan fakkaadhe amma furdadheen jira. Duras ilaalcha koo ta’ina? Mooji?

 

Kiliniika dura itti ilaalamnetti deebinee dhiiga kennine.

Ammas dura anatu waamame. Achi irraan Leensii.

Amma waan ta’e amanuu hin dandeenye tasa hin ta’a jedhes hin amanne. Ishiin ammas hin iyyiti. Ana afaan na gogee jira. Doktarichi hamma danda’e gorsuu yaala.

 

Leensii, ila gaafuma jaalala jalqabinu sitti himeen jiraa. Jaalalli keenya naa hooqii siin hooqa irratti miti kan hundaa’u kanan si jaaladhu waan najaalattuuf miti. Atumti nama jaalatamtu waan taateef malee. Kanaaf yoomiyyuu taanan ani sin jaaladha. Dhugaadha si fuudhee bultii hin godhadhu miti. Kanaaf hin gaddin HIV qabda jechuun du’atti dhiyaatte jechuu miti. Maaltu beeka…

Sonii baayyen sii miidhe, yakkan sirratti hojjadhe. Jireenya keen daakarkeesse; dhiifama oduu namaa dhagaheen lafaa ka’ee si shakke. Aarii sanaan, waanan haaloo kee bahe se’een namootaa adda addaa wajjin bahuu eegale. Keessattu durbumma koo …. Isa kan kanaan na gahe. Ani durba jennaanin innis nama biraa wajjin waan akkasii rawwatee akka hin beekne naa kakate. Anis hin shakkine ofgannoo malee… mararfatte boose. Sosobuun yaale. Garu akka layyotti irranfachiisuu hin dendeenye. Haa ta’u malee yaalii baayyeen boodde naa miilkaa’ee irraanfachiiseee hanga galgala sa’aa lamaa waliin turee gargarii baane.

 

Wayitan gara doormii deemu hunduu abjuu natti fakkaate oduu namaan marachuu, otoo hin hubatin qubaa gubachuu. Dhugaa otoo hin hubatin maraachu! Yeroon doormii gahu Abdoon hin jiru. “Maalii!” jedheen iyye.

“Poolisoonni qabanii deeman naan” jedhan.

“Ati oduu akkamitti hin dhagahin.”

Oduun poolisoonni qabanii deeman. Oduunin hiriyyoota koo lamaanu dhabe. Wali irratti odeessuu malee yoom walitti odeessuu barree?

 

 

                                                            Finifinnee 14.5.2006

50 Comments

Leave a Comment
  1. Adrian Hagan / May 27 2010 8:52 am

    Hah I’m honestly the first comment to your great article.

  2. birmajii / Nov 26 2010 9:50 am

    asoosama baay’ee gaariidha. ergaa hagana hin jedhamne dabarsa.

  3. tura / Dec 17 2010 11:57 am

    asoosama kana ergan dubbisee jireenya koo keessattii fi hiriyyoota koo waliin deemsi ani qabu dhugumayyuu oduu dha.hiriyyaanis oduuf mari’ata,akkas goone,akkas mari’anne jechuuf malee kan hojiif tattafatu muraasa.KEESSUMAA KAN WAL NAMA NYAACHISU ODUU DHA!ODUU BU’AA HIN QABNE,KAN SEENAA BALLEESSU!!!!!!!!!!!!!!!!

    • girma / Mar 7 2013 7:26 am

      baay,ee baay,ee waan nama barsiisuu akkasumas daandii jireenyaas
      kan nama barsiisudha! waan baay,een irraa baradhe
      barreessaan asoosamichaa fi deegartooni isaa baay,ee galatooma, nuuf bulaa,nuuf moo,aa!!!!!!!!!!!!!

  4. Tariku Kajela / Mar 11 2011 8:58 am

    Adaraa keessan itti asoosama afaan oromo kan ta’an email kana irratti naaf erga

  5. Sisaay Gazzuu / Jun 16 2011 7:27 am

    yeroon asoosama kana dubbisu waa baay’ee irra baradhe barumsa hagana hin jedhamne dabarsa waan ta’eef, barressan asoosamicha baay’ee galatoomi!!

  6. Maashoo abarraa / Aug 28 2011 7:57 pm

    asoosamichi hedduu nama gammachisaa haa ta’uu malee kana caala asoosama bal’atee deemu dandaa’uu fi asoosama dheera ta’uu qabu dha. kanaf gara fuulduraaf haa fooyya’uu.

  7. Maashoo abarraa / Aug 28 2011 8:00 pm

    asoosama barreessuu baayeen jalaadha kanaf haala hojii irraa olchuu gorsa gabaaba emaial kana irraattui naf ergayi assosamni kun heeddu kan nama gaammaachisuu dha.

  8. teme / May 4 2012 5:27 am

    dubbiin baay’ateefillee harreetti hin fedhan jaallannus jaallachuu baannus wallaallanii doggoggoranillee akkuma uummata kaanii shamarran keenya yaada naamusa fi ilaalcha gaarii fi oobbolumaatiinis ta’e kan biraan ofitti qabuu hin dagatiin icciitishees hin baasiin gaaf tokkoof siif qorichaa!galatooma.

  9. Bonsa / May 8 2012 5:39 am

    Asoosama ergaan dubbise waa hedduun irra bare

  10. GOS / Sep 5 2012 6:18 pm

    ASOOSAMICHI ERGAA FI ICCITII BAAYYE QABA DAANDII JAALALA ADDUNYA KANAAS NAMA BARSA. ati barreessan asoosamicha galatomi

  11. Gaaddisaa Gabbisaa / Nov 17 2012 1:41 am

    Ani akka dubbisaa tokkootti waan hedduu irraaa bareeras hubadheeras haluma kanaan itti fufi.jabaadhu sitti haa baru.ergaan ati nuuf dabarsite daawwitii ta’ee of nu hubachiisa.

  12. saboontuu / Jan 16 2013 3:33 pm

    Ergaa baayyee gaariin irra bare kanaafuu kanneen kana fakkatan asoosama biras osoo
    online nuuf gadhistanii bayyee nama gammachiisa afaan keenya guddisuufis gahee gaarii taphata!!!

    • qalbesa / Feb 14 2013 8:39 am

      Sabontuu akkam jirta? fayyaa keetii Asoosama koo dubbistee yaada naa laachuu keetif galatoomi akkuma gaafate kan biroos bareesee si erga atis barresii naa ergi post siin godha. emaila kanaan naa ergu dandeessa tafenug@gmail.com ykn bilbila 0911112293 naa bilbili

  13. abdi / Feb 6 2013 8:18 am

    sadarkaa kamirraa kan jiran lammiikoo hundaan ogbarruu afaan kreenyaa barressuu ykn barreessisuu keessatti gumaachi keessan haa dabaluun ergaakooti nuf jabbadhaa

  14. abdi batire jimma university / Feb 6 2013 8:22 am

    lafa jiraannutti bu”aa bayii baa’eetu jira . kanaaf asoosama kana irraa ergaa guddaan bre kunis waan dhuguma nama tokko tokko mudatudha.

  15. Obsa Qaba / Feb 15 2013 8:47 am

    Tole

  16. KAFFAALEE BIRHAANUU / Feb 15 2013 12:57 pm

    Anis akka dhalataa oromoo

    dubbisee barnoota hammana hin jedhamne irraa argadheera jabaadhuu atti fufin siin jedha!!

  17. kaffaalee birhaanuu(addis ababa unversity) / Feb 19 2013 12:50 pm

    akka dhalataa oromoo tokkootti dubbisuu kootiin muuxannoo guddaa irraa argadheera galatoomi!

    • Abdeta Guta / Aug 22 2013 9:01 am

      Asoosamichi baay’ee kan namatti toludhaaa, baay’ee nama barsiisas, guddina Afaanichaafis ga’ee guddaa qaba. kanaafuu jabaadhaa fulduraafillee.Email naaf taasisa.

  18. Rattaa Urgeechaa / Feb 19 2013 2:03 pm

    Baay’ee gaariidha haaluuma kanaan kan biroos nuuf gumaachin siin jedha.

  19. Asoosichaaf ! barreessitoonni keenya warreen qaroo yaadaan seenaa dhugaa uummaticha gidduu jiru arguun saaxilanii gara uummatichaatti halluu kobbee isaaniin akka fedhanitti boossisuun ,kofalchiisuun, gammachiissuun,gaddisiisuun,rakkisuun,bal’isuun,jaalachiisuun,jibbisiisuun,fayyisuun,ajjeesuun,maraachuun,…….!! lammiisaaniif harjooman umuriisaanii rabbi nuuf haa bulchu .Ammas…!

  20. BONSA [Wollega University] / Feb 21 2013 5:08 pm

    asoosama kanarraa erga baay,een hubadhe!galatooma!!

  21. dabalees, asoosama kanaarra kananiin hubadhee hiriyyaan kamiyyuu kan oduu qofa osoo hin taane kan amaantuummaa ta,uu qaba!!

  22. Latii Ayyaanaa (john A.) [AAU] / Feb 22 2013 6:57 am

    Ajaa’iba !! siin dabalatee gumaattotni fi hayyoonni oromoo warreen qalbii yaadaan dhugaa uummaticha keessa jiru arguun baasanii calaqqisiisan kan ayyaanomaniidha!. Isin halluu
    kobbee akka feetanitti boossisuun ykn kofalsiisuun , bal’isuun ykn rakkisuun,ajjeesuunykn fayyisuun ,jaalachiisuun ykn jibbisiisuun, fi kkf’n sammuu keenya bohaarsuun keessaniif kabajniif jaalalli koo guddaadha!. lammiileen ammas isinirraa…………..!!!!!

  23. Gebisa diriba / Feb 24 2013 8:52 pm

    Barreeffamni kun odeeffannoo sirrii kan of keessaa qabudha,isa hubateef kan tokkummaa cimsuu fi artii irratti ilaalcha saba keenya foyyeessuu kan danda’udha. baay’ee galatoomi!

  24. Fayisaa Gammachuu( Gondar University) / Mar 9 2013 4:52 pm

    Asoosama hedduu namatti tolu dha, akka kootti ergaa guddaa kanan irraa argadhee fi gara fuula duraatti illee na fayyada jedhee yaadui dha. Barreessaa asoosamichaa hedduun galateeffa dha.

    • tamiru / Mar 13 2013 8:23 am

      asoosama barumsa hedduu qabu dha

  25. ararso melkamu / Mar 18 2013 1:05 pm

    guddina afaan oroomoof bu’aa guddaa qaba….

  26. KAFFAALEE BIRHAANUU / Mar 19 2013 12:42 pm

    KAFFAALEE BIRHAANUU (YUUNVERSITII FINFINNEE) ODUU NAMAA AMANUUN SIRRII MITI AMMA MIRKANEEFFATANITTI!!!

  27. Biqilchaa Dhugaasaa / Apr 9 2013 6:43 pm

    Ergaa guddaa nuuf dabarsite.Baay’ee gaariidha! kun dhugaa jiruudha. Namoota(hiriyoota keenya hubannee beekuu qabna.Maaltu beeka”Goobanaa”isa jaarraa digdamii tokkoffaa ta’uu danda’a.

  28. qananisaa / Apr 15 2013 7:40 am

    ergaa ammaan guddaa fi bu,aa qabeessa ta,ee nuuf dabaarsitee danuu Galaatomii Qananisaa Daadhii Univeerisity finfinnee irraa nagaa waliin

  29. AWWAL BILAL / Apr 20 2013 9:14 am

    barnoota baayyeen irraa argadhe.dabalataan immoo asoosama koo kanaan yeroo dheeraa dura eegale akkan xumuruuf baayyee na kakaaseera nuuf jiraadhu.dabalataan waa’ee asoosama barreessuu irratti ulaagaafi seerota isaa namoota akkanaa irraa karaa ifa ta’een osoo nuuf ibsameen dhaamsa kooti.AWWAL BILAAL DDU irraa

  30. Waktole Damte / Apr 24 2013 11:59 am

    Asoosamichi ergaa hedduu dabarsa.baay’ees nama gammachisa,barsiisa,ergaa heddus dabarsa. oroomiyaan haa bilisoomtu!!! GALATOOMA!

  31. GADA SAN / May 9 2013 11:11 am

    asoosama gabaaba kanatti an gar malee itti gammadeera, ija irraa hafiin dhaamsa kootii gaariidha halumma kannan itti fuufi garuu yaadoota tokko tokko osoo wal qabsiifte gaariidha. wal sirreessuun hammeenyuma hin qabdutti!!!!

  32. Aga gebeyew / May 11 2013 8:01 am

    Kun ilaalcha dargaggoo bara kanaa hamma tokko waan geeddaru natti fakkaata

  33. Tahir kelil / May 14 2013 7:58 pm

    Galatoomaa!!

  34. Keneni Tilahun / Jun 9 2013 12:55 pm

    Waan baay’ee nama barsiisuudha jabaadhu cimii itti fufi .

  35. Firaol Mosisa / Jun 13 2013 6:28 am

    Barreessaan asoosama kanaa dhugaadhumaan waan uummata ykn barattoota oromoo mooraa hundumaa keessatti ta’aa jiru ifatti mul’iste. Ani gama kootiin baay’een si jajadha,guddaa galatoomi dhugaa jiru ibsuuf ammayyuu harki kee itti fufee barreessuu haa baratu.

  36. Bikila workineh / Jul 14 2013 5:22 pm

    Baayee galatoommi obboleesa koo gumacha ati hawaasa Oromoof gootef waaqayyoo si haa eebbisu;jabaadhu waan heedduu si irraa baradhee jira!

  37. Asfaw xaafaa / Sep 4 2013 9:32 am

    sabbonaa oromoo hayyuu afaanii fi artii oromoo bayyee si jaalannaa si kabajnaa!ammaas qalamni kee haa mirgisuu

  38. Tasdesse Kasa / Oct 17 2013 7:50 am

    Tadesse kasa

    Baay’ee nama barsiisa barreessan asoosamicha galatoomi!.

    • Tasdesse Kasa / Oct 17 2013 7:53 am

      Baay’ee nama barsiisa barreessan asoosamicha galatoomi

  39. MERGA REGASSA FROM JIMMA UNIVERSITY / Oct 22 2013 7:00 am

    Barreessan asoosama kanaa barattoota oromoo mooraa hundaa keessa jiraan kan hubaachisuudhaa, THANK YOU WRITERS,

  40. Ibsaa Gammachuu / Nov 6 2013 12:48 pm

    Baay’ee baay;ee nuuf galatoomi. ammallee qalamni kee haa mirgitu. akkuma dhugaa hawaasakee keessa jiru ifa baasuuf yaalte, dhugaankee hin dhokatiin.

  41. Garba / Dec 5 2013 5:03 am

    Barreffama heddu gaarii ta’e dha

  42. Gamachis Tamana / Dec 12 2013 9:06 pm

    Kan dubbifne irra waan baay’ee barre jirra .!!! Barressan Galaatomi !!!!

  43. Mohammed Ahmedin Sani / Jan 26 2014 4:02 am

    Asoosama bayye baredadha erga waa bay’ee irra baranne jirna

  44. Goobantuu Guyyee / Feb 16 2014 8:34 pm

    Asoosamichi baay’ee natti tole.wanta baay’ees irraa baradhe. Barreessaan baay’ee galatoomi.

  45. Kaasaa Dajanee / May 10 2015 10:08 am

    Asoosama seenaa dhugaa agarsiisu fakkaata.ergaa hedduu dabarsa.baay’ee baay’ee galatoomi,qalamni kee haa mirgu(Salaalee irraa)

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: