Skip to content
November 16, 2010 / qalbesa

diraamaa Oromo “Edipas mooticha,”Oedipus the king” afaan Oromoon

              Tatoota

          Edipas: Mootii Teebas

          Qaalluu: Zosiif

          Kiroon: obbaleesaa Jokastaa

          (Farfatoota) lammii teebas

          Tiresiiyas: Raagaa Jaama

          Jokasta: Haadha mana Edipus, Giiftii Teebas

          Ergamaa Qoronxos  

          Tiksee Hoola

          Ergamaa: Masaraa keessaa

          Antigan, Ismane Intallowan Edipusiifi Jokasta

          Eegdotaa fi Hordoftoota

(Yoomessa: Mana Mooticha Teebas Dallaan isaa dhagaa Marsaa  lamaan ijaarame jira.  Balbala lama qaba. Dhagaa Guddaan tokko waltajjii jiddu taa’a. Waggaa baayyen dura Edipas hiibboo sifinkisii hiikee aango mootummaa qabate jira.  Amma garuu Teebas hongee hamaan rukute jira.  Qaalluwwan, kadhatuun fi namoon marga aradoo jiidhaa harkatti qabatanii gara waltajiicha dhufan.  Balballi banamee Eegdonni walti qabaman. Edipas fulduratti bahee. Akka mootii maagalichaa garuu immoo haala ummata isa dura jiru xinxalaa ilaale. )

                          ****

Edipas: Yaa ijoolee koo, dhiigaa haaraa Teebas durii, maaf as dhaabatan? Maali kadhanaaf bidiruu koo irra marga aradoo qabataanii dhabatan? Maalif magaala aaraa qumbiin guutan?  Maalif Fayyisaa dhabne jetanii iyyitan? Maaliif du’aa wajjin boosan? ilmaan koo dhugaa baruun barbaada.  Kuno asan jira. Hundi keesanu na beektu. Adunyaan gaara koo beeka. Ani Edipas.

                  (Qaallun miila isaatti kufe)

Jaarsana dubbadhu, umurii kee, cimina kee, isaan kaanafis dubbachuu qabda.  Maalif asi jilbifatan? Maalif sammuun keessan akkas dhiphate? Maaf akkas sodaatan?  Garuu immoo hawwii cimaa akka horattan natti muldhata. Kanaaf isin gargaaruf qophi dha. Waan barbaadan nan godha.  Rakkoo jirun argu dhabe malee gadda jiru argu hin dadhabne.

Qaalluu: Yaa Edipas, mootii biyya keenyaa, humna keenya guddaa, Namootin umurii hundaa karra keetti riqanne ni argita. Daa’imani xinnooni fiigdee hin quufne, jaarsi mata harrii dugdi dulumaan goobe, qulqulloonni, qaallun Ziyo, ani mataan koo, qeeroon, abdiin boruu, Teebas fi hundumti, maatii guddaan kee marti, irreecha harkatti qabatanii, fuldura kee, addabaabayi keessa, awwaala giftii Ateena fi laga qulqullu,  baka mukukulli gaamee dhaamu, Apallon daaraa keessa laalun waan fuulduratti ta’u dhaamu, jidduutti magaalli cufti walitti qabamaniru.

Mee naannoo kee ilaali, ija keen ilaali, dooniin keenya raafamtee, du’a keessan mataa ol qabachuu dadhabnee… Teebas du’aa jirti. Midhaan keenyaa, kaloon keenya kichuun gogaa jira, lowwan  keenya dhukubsatanii du’aa jiru, dubartin ciniinsu  du’aa jirti, daa’mni duutee dhalacha jirti, hongeen, Waaqin aariin nu fixaa jira, angasu ogayyuu nu naasisa, bakaakkan dheekkamsa guyya guyyaan mana kadmos Raasaa. Duuti hamaan guyya guyyaan lubbuu nama nyaachaa badii Teebasitti Kolfaa.

Amma si kadhachaa jirra. Ati Waaqa hin caaltu, ijoollen kee kana  beekuu miila keetti kufaanii. Garuu tokkoffaa si ramadna. Yeroo rakkoo keenyaa  Waaqaf nama dura fuullee nuu dhaabachuun. Ati Sifiniksiirraa bilisa nu baastee. Ati Teebas dhufte hidhaa gibira ulfaataa fi hadhaawaa nurraa kuttee. Nuti homaa si hin barsiifne. Ogummaa tokko si hin barsiifne. Beekumsa dabalataa si hin kenine. Ta’us Waaqayyo si wajjin jira caalte jirta. Isaanis akkas jedhu anis nin amana. Jireenya keenyas  foyyesite kana hunduu beeka.

Amma garuu, mootii Edipas, sii jilbiffanna, humna keef gadii jennee si kadhanna, ammas humna nuu ta’ii nu baraari? Tarii namoota bira irraa dhageese ta’a, Edipas mee maal beekta? Namni muuxxannoo, guyya guyyaan waan heddu hubata, karoorri isaa bara jeequmsaas ni hoojataa.Egaa ka’i amma si kadhannaa, magaalaa keenya baraarii? kaa’i badii nurraa ittis, kabajaa kee irraa salphina ittis, biyyi kee fayyisaa siin jetti amma, hawwii kee, gochaa kee baraan duraa, gadaa kee akka dagannu nu hin godhin. Akka ol-jennee dhaabbannu nu goote jirta, deebinee kufnus.  Maaloo magaalaa keenya deebisii kaasii, maaloo miilaa keenyan nu dhabi, milkiin kee gaarii waan tureef, Gammachuu nuu fide fiixa nuu baasi.  Hara’as nama cimaa baraan duraa san ta’i.  Biyyaa keenya bulchi, hin beekta humna qabda, garuu biyyaa mancaatu otoo hin taanee biyyaa lalistu bulchi.

Edipas-Ijollee koo

Isin gadisissen jira-Nin arga. Akkamtan yaadonni akkkamii akka asi isin fide hubachuu dhaba? Nan beeka, hanga du’aatti dhukubsatanii jirtu. Garuu eenyuun keessanu hanga koo dhukubsatanii hin jirtan.  Dhukubin keessan isin qofa miidha jira.  Abbichuma malee kan biraa miidhaa hin jiru.  Garuu niyaan koo, magaala kanaaf, ofii koof akkasumas isiniif otoo hin gaddin haftee hin beektu. Rafee hin beeku.Abjootan bula. Isin na hin kaasine.  Halkan guutuu bohan bula.  Farada yaada cinqiin garmaaman bula. Kana beeku qabdu.   Barbaacha dadhabisiisan booda qorsa tokkon argadhe.  Hin turre Kiriyoon obboleessa haadha manaa koo Deelphitti erge.  Beekan Apoolo biyya koo baraaruf maal gochuu fi jechuu akkan qabu natti yaa himu jedhee. Eerga deeme har’i guyyaa lammaaffadha.  Hanga ammaa waan inni hojjatu hin beeku.  Akkas turuun kun nuuf waan haara dha.  Akkuma inni deebi’een- yoos, yoos, waan Waaqin itti muldhisu hunda yoon ifa baasuu baadhe ani dhuguma gantudha.

Qaalluu: Jecha yeroo. Namoonni achii iyyaa jiru.  Kiriyoon dhufaa jira.

Edipas: [kiriyoon fagoodha muldhata] yaa goofta Apolloo jechoota milkii, akkuma iji isaa ifu kanatti ifa godhii biyyaa keenya baraaran naa godhi.

Qaalluu: Akkan yaadutti oduu gammachisaan dhufe. Laali gonfoo injifannoo gonfatee jira.

Edipas: Haa ta’u. Nu dhageesisuuf as kalu jira.

(Kiriyoon gara bitaan seene. Fuulli isaa wayyan maramee jira) Kiriyoon ilmoo koo, dhiiga koo, mee maal nuu fiddee jirta? Waaqayyoo ergaa maal nuuf ergee jira?

Kiriiyoon: Oduu gammachiisaa. wanta jabaa dandamachuu qabda! wanticha  haalan yoo maqisine, waan gaarii nuu ta’u danda’a.

Edipas: Yaa ta’u, garuu Waaqin maal jedha? Abdiin homa hin jiru moo? wanta hanga amma jette kana keessaa sodaan  jiraa bar?

Kiriiyoon: Bakka Warri kun (qaallotatti quba qabaa) jiranitti dubbadhu yoo jette yookin keessa senna (harka lamaanin Edipas gara masaraa afeeraa)

Edipas: Dubbadhu, hunda keenyattu himi. Lubbuu koo hangan sodaadhuu caalaa isaan kanaa fi ummata koof gaddee.

Kiriyoon: Baayyee gaaridha waanan Waaqa irraa dhagayee hundaa isinittin hima. Raagon akkas jedha mango biyya keesanii baasaa, ofitti hin madaqsinaa, abaramaa of keessaa buqisaa gataa malee hin kunuunisinaa.

Edipas: Akkamiin of qulqullesina? Akkamiin falanna? Hundeen rakkoo kanaa maal inni?

Kiriyoon: Namticha biyya baasaa, yookin dhiiga dhiigan deebisaa. Ajeechatu dambalii abarsaa nutti  fidee.

Edipas: Ajeechaa eenyuu? Hiree eenyuti Apoolon ifa baase?

Kiriyoon: Kan mootii keenyaa, goofta keenya, Liwus, otoo ati dhuftee karaatti nu hin deebisin kan nu bulchaa ture.

Edipas: Eesatti isaan argina? Biyya kam isaan soqna? Badii dur ummame faana dhahun rakkisaadha.

Kiriyoon: Asuma Teebas keessa jira. Akkuma beektu wanta cimisanii barbaadan hin dhaban, wanta beeka dagatan immoo barbaadaniif hin argan.

Edipas: Garuu eesa? Asi masaraa keessa, badhee yookin lafa alagaa keessa? Liwus eessatti  isatti harka diina isatti kufe?

Kiriiyoon: Beekan marii’chuu deemee achumaan hafe.

Edipas: Ergamaan tokkoo, Milton isaa tokkoo maal akka ta’e hin himnee?

Kiriiyoon: Lakkii, nama tokko malee hundi isaanii iyyuu ajeefamanii ture. Inni hafe soda fi rifaatu irraa kan ka’e waan tokko waan ifa ta’e nutti himuu hin dandeenye, waan tokko malee.

Edipas: Maal inni? Waan tokkittiin kun furtuu waan hundaa ta’uu dandeesi. Jalqabbii xinnoon ooruu abdii nuu laatu dandeessi.

Kiriiyoo: Akka inni jedhutti samtootatu isaan hunda fixe malee,nama tokko miti kan mooticha ajeese.

Edipas: Hattuu! Nama dhiba! Akkam yoo hedate inni kan mootii ajeesu. Hin ta’u yoo gantoonni isa gargaaran malee.

Kiriiyoon: Waan baayyee shakine. Garuu du’a Liwus booda mootii rakkoo nu baasu hin arganne.

Edipas: Waan nama dhibu. Mootin keessan ni ajeefame. Dhiigin ulfaaton. Nama harka kana bakka seene seentanii golga isaa keessaa akka hin baasine maaltu isin dhoorke?

Kiriiyoon: Siifiniiksii siiksaa hiibboo uumtu. Ishiitu wantichi icciitii akuma ta’etti akka hafu nu amansiistee kanaan nu geese.

Edipas: Hin ta’u! Ani deebi’ee jalqabeen waan dhokate kana ifa baasa. Waaqini sirrii dha. Atis kiriyoon. Qalbii keenya gara nama harkaa kanatti nu deebistanii jirtu. Amma ana, nama isinii lolu qabadu. Ni argitu. Haaloo bahaa Teebas.Adabaa yakkamtootaa.Haqa deebisaa ilma.  Mooyata Apooloo. Garuu fira fagoo gargaarufii miti.Dantaa mataa koofis miti. Mangoo keessaa of baasuf malee. Kan mooticha ajeese anas ajeesu duubatti hin deebi’u. Liwusiif haaloo bahuun harka lafa jalaan anaafis of ittisu ta’a (Qaallotaaf).

              Dafa  ijoollee koo, irreecha keessan lafaa kaasaa

                         (Eegdotaaf)

              Tokkoon keessan ummata magaala kanaa waama. Waanan danda’u hundaa akkan raawwadhu itti himaa. Waaqayyoon nu gargaara. Injifannoo keenyaas ni argina. yookin  immoo injifatamuu.

  (Edipasii fi Kiriyoon masaraa seenan. Eegdonnis hordofanii seenan.

Qaalluu: Ol jedhaa ilmaan koo, gara laafina gaafachu dhufneef Edipas tole jedhee jira.  Apoolon ergaa isaa ergatee jira. Ayyanni isaa nuu dhufe jira. Apooloo nu baraarii hongee kana nu irraa dhaabi.

(Qaallonni ka’inii irreecha isaanii baatanii gara cinaatti bahan)

(Farfatoonni Tebas, waan Kiriyoon fidee dhufe otoo hin dhagahin farfachuu jalqaban)

Farfatoota: Zewos! Sagalee Zewos guddaa baga nagaan dhufte. Maal nu fidee dhufte laata? Jecha akkami waciitii warqii deelfii irraa Teebas cimtuudha fidde laata? Ana sodaan na raakee jira. Sodaan onnee koo caccabsee jira. Kanaaf ani sittin xuruurfadhee booya. Fayyisaa Deelfii, daddafoo, daa’imeen si waaqefadha.Gatii kee maaluma inni? Arsaa haaraa, mataa midhaan reefu galuu, maaluma sii laannu? Natti himi ilmo abdii warqii, sagalee lasii tasa hin duune.

   Ati kan jalqabaati sin waama, intala Ziwos, Ateenaa, kan duuti hin beekne, oboleettii kee Artimeesi, handhuura gabaa kabaja kan gonfatte eegduu lafa  keenyaa, Apooloo darbataa bakakkaa balaa sin waamadhaa-sadeen keessan gaachana naa ta’aa du’a na irraa ittisaa,dura koo naa goraa. Bara isin nu gargaaru dhaabdan keenyaminni keenya jiguu eegale. Isini kan labooba dhukubaa fagootti nurraa qabaa ture. Ammas akkuma kana duraa nuu dhiyaadha.

Lakkii, lakkii, gidiraan nuti arginu lakkoofsa dhabee, siiqun booyyichaa, siiquu booyyicha irratti nutti dabalamee, dararri arginu dhuma dhabee, obsuu dadhabnee, hundi keenya du’aa jirraa, yaa ummata koo…

Teebas akka raayyaa guddaatti du’aa jirtii. Yaanni qaroo nu baraaru hin jiru. Fireen dache teenya beekamtuu dhabamee jira. Abaabon oto hin corqin harca’a. Dubartiin hin ciniinsifattu. Ciniinsifattee ateetee ishii hin waammattu. Daa’imni gadaamessaa otoo hin bahin duuti. Aduun seentee otoo hin bahin reefi reefa irratti tuulama, du’a hedduu hedduu, du’a hin lakkaawwamne, du’a dhuma hin qabne, Teebas du’aa jirti, ilaali ilmaan ishii gaddaan liqimfamanii jiru.

Reenfii dhalaa reenfa dhalaa irra tuulame jira. Kan du’ee booyee kan awwalu hin jiru. Duuti du’a waan biifuf haati ilmoo ishiif hin rifattu. Teebas magaala du’aa taatee. Gidiraan hammaatee, dararamuun guddatee.

Sagaleen araaraa gadda keenya baatu bosana guututti mukkeenifi gaarreen biyya keenyatti bu’aa iyyaa jira. Waaqa Ateena maaloo kan nu baraaru nuu ergi. Dhiifama nuu godhii ijaan nu libsadhuu mootii du’aa nurraa oofi. Mootin du’aa mootii waraanaa gaggeesu gaachana malee halkanii guyya na waraanaa, waraana wal hin ginne taane jirraa. Maaloo daangaa keenya keessaa barbadeesi.Obonboleettii kee kaasii abarsaa kana garbatti nurraa naqi. Yookiin qilee Teebes kaabatti isa dhidhimsi.

Yaa waaqa dambalii ajjajju, angaasu aboomtu, ibdaa keen du’a daara godhi.

            Apooloo, Waaqa ifaa sin kadhadhaa nu fundura bahii eeboo kee diina keenyatti biifii mirga nu kenni.

            Artemis, adantuu, xombora kee qabsiifadhuu diina keenyaa lafa diriiraa baha irra madeesii bannensi.

            Waaqa kallacha warqii, sittan booha maqaan keef maqaan keenya tokko, Danyosas, fuula kee wayiniin ifeen kootu haadholiin keenya ni bahanii. Bakakkaa keen diimaa sanaan dhiyaadhu, ija kee ulfinaan diddimate sanaan nu mildhadhuu kabaja nu gonfachiisii diina keenya mootii du’aa uumaa marti jibbu san ibda nyaataa keeni gubii daaraa botoroo godhi.

             (Edipas masaaraadha baahe harka farfatootatti qabee akka nama magaala guutuutti dubbatu).   

Edipas: Waaqa kadhachaa jirtuu. Kadhaan keessan akka deebii argatu isinin abdachiisa. Na dhagahaa. Abbarren kun waan barbaadu nin laadhaf. Gaafa san mataa olqabattu.Amma garuu dubbii kanaaf haara ta’u koon isinitti hima. Yakkichaafis haaraa dha ani. Otoon bara san jiraadhe homtuu iccitii natti hin ta’u ture. Amma garuu ragaa tokko malee yakamaa barbaada jirra. Ta’us seera kanan lallaba, lammii Teebas ajeechaa motichaa as dhalatan maraa tokkoon keessan naa lakkaa’a,kan biraa immoo mooticha kan ajeesse kan beektu dhugaa jiru ifa akka baastun hajjaja. Wanti sodaatu tokko illee jiraachu hin qabu. Gocha isaa waakachu qabas yoo ta’e namni kun dura ifa of yaa basu. Miidhan humnaa olii akka irra hin geenye waadan galaaf. Biyya bahu malee rakkoon tokko irra hin gahu.

(Edipas dubbi dhaabee deebii eegachuu eegalee) deebi’ee namni, nama harka kun algaa biyya Ormaati dhufe ta’uu kan beekus asi bahee yaa dubbatu. Ani badhaasa gaarin kennaaf, gaaraa ko irraa akkan isa jaaladhu nan ibsaaf.

(callisa ammas, homa deebi dhabe)

Egaa, erga callistanii, hundii keesanuu, of, hiriyaa keessan, yookiin fira keessaa dhoksitu ta’ee, taa’a laala waanan godhu. Hundi keessanu, lafa gaadisinni angoo koo gahu hundaa nan ajaja, nama kana yoo argitan balleesaa, tasama mana keessan hin galchinaa, jecha tokko itti hin dubbatina, wajjin Waaqa hin kadhatina. Bishaan qulqulluun keenya harka isa akka hin xuqne. Hundi keessanu mana keessani baasaa, biyyaa baasa. Inni Abaarsa, handhuura kufaati keenyatti. Appolon amma ifa naa godheen dirqama koo bahun qaba. Haaqaf  nin falma. Mootii harka namaatti badeef nin falma.

Nama kana nan abaara. Eenyu iyyu haa ta’u, nama kophaa yakkii isaa hin muldhannee yaa ta’u, nama kophaa lammii hedduu keessaa jiraatus yaa ta’u, jireenyi isatti yaa hadhawu, suuta suuta dhukkubni

About these ads

10 Comments

Leave a Comment
  1. DEDEFO SARA/ARSICHO / Nov 18 2010 10:40 am

    Hojiin kee hundi baayee nati tolaan jiruu haalumma kanaan jabadhuu itt fufi ‘ATI GUDDINA AARTII OROMOOF SIIDAA TOKKOO LAFA KEETTE JIRTA ‘WAAQNI OROMOO KANA CAALAA SII HAA GUDDISUU’

  2. Hojiin kee hundi baayee nati tolaan jiruu haalumma kanaan jabadhuu itt fufi ‘ATI GUDDINA AARTII OROMOOF SIIDAA TOKKOO LAFA KEETTE JIRTA ‘WAAQNI OROMOO KANA CAALAA SII HAA GUDDISUU’GAAF TOKKOO ARTII OROMOO BILISSOMEFI GUDDATE NIARGITA YOORABBI JEDHE.

  3. ibsa terfasa / Nov 19 2010 11:06 am

    hojiin kun kan bay’ee jajjabefamu qabu dha. osoo gara filmitti jijjiirame bay’ee fudhaatama argaata.
    galatoomaa.

  4. Gemechis Fikadu / Dec 14 2010 3:26 pm

    FIRST OF ALL IWANT TO SAY THAT THIS SHORT STORY AND DRAMA OF AFAAN OROMOO IS THE GREAT.I WANT TO APRICEATE THE WRITER
    IF YOU ARE INTERESTED LET ME BE SUBSCRIBED AND WORK WITH YOU

    TEL NO.0910879491

  5. IBRAHIM ABDURRAHMAN / Apr 28 2011 11:56 am

    i dont know what ican say coz what i observed right now is some thing beyond my expectation. i really appreciate the writer. more importantly, it is some thing i always draem to have it appear in near future. so , to tell u the truth i got a lot of documented film scriptures and dramatic/novalistic stories that i will publish them in the near future. they are my own stories. in addition to this i have more than hundred poem written in afan oromo. unfortunately, they all are not made available to the readers. by the way, i am a sociology instructor at jigjiga university. with the help of ALMIGHTY i will avail my writings for oromo people in particular and readers in general.

    please if u r capable of helping me u well come.
    u email me
    imaltuu@gmail.com
    with best regards

  6. Fikiru Melaku / Apr 17 2012 8:09 am

    Diraamaan kun osoo gara fiilmiitti jijjiiramee akkam bareeda laata! Hawwii kooti. With a great thanks!!

  7. mil'uu martii irraa / Jun 9 2012 9:25 am

    This mythology (raagamtaa/ raaga amantaa) is a great Known myth of the world. Thanks to the translater. Keep in touch at all!

  8. Tsegaye / Jun 16 2012 5:32 pm

    gaariidha.

  9. Beekan Gulummaa / Nov 21 2012 1:31 pm

    Kunooti Akkasi..Waan beekumsa biyyoolessaa akkanaa kana gaaf gara afaan keenyaatti fiddanii ittiin waan guddaa nubarsiiftan galata guddoo Uuummata Oromoo biraa qabdu…barreessitoota qabaachuun keenyaa nuuf waa hunda..umurii turaa bubulaa

  10. qarranso@yahoo.com / May 15 2013 6:46 pm

    Dr. Tafee nuuf bulii nuff dagagii siin jaladhaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Follow

Get every new post delivered to your Inbox.

%d bloggers like this: